10/09/2026
Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Sektaraalee Oromiyaa garaa garaa waliin Qaammee 5 Guyyaa Egeree Magaalaa Bishooftuutti Kabajan.
======================
Finfinnee, Qaammee 5/2018
Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Tekinoloojii Oromiyaa Guyyaa Egeree Qaammee 5/2018 Magaalaa Bishooftuutti Seektaraalee garaa garaa waliin kabajan. Sagantaan kun saayinsii, tekinoloojii, kalaqaa fi dandeettii dijitaalaa fayyadamuun gara egeree olka’iinsa olaanaatti ce’uuf kallattiiwwan hojii ijoo marii fi hubannoo uumuu irratti kan xiyyeeffatee dha.
Kabaja ayyaana kanarratti argamuun Haasaa saaqinsaa kan taasisan Kantiibaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa guyyaan egeree guyyaa seenaa qabeessa dhaloota kalaqa tekinoolojii, dinagdeen guddisuu irratti kan xeyyeeffateedha jedhan.
Kabajichi, Itoophiyaa dijitaalaa, of dandaa’e, dorgomaa fi hirkattummaa gargaarsa alaa irraa bilisa taate ijaaruu keessatti saayinsii fi tekinoloojiin gahee olaanaa akka qabu irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, tiraansfoormeeshiniin dijitaalaa dameewwan mootummaa, qonnaa, barnootaa, fayyaa, diinagdee fi bulchiinsa magaalaa hunda keessatti bal’inaan saffisiifamu akka qabu
Saganticharratti, walabummaa saayibeerii mirkaneessuu fi nageenya dijitaalaa cimsuun dhimma murteessaa ta’uus ibsameera. Sirnoota dijitaalaa haleellaa saayibeerii irraa eeguu, ragaa dhuunfaa lammiilee tikfachuu, odeeffannoo baankii fi odeeffannoo nageenyaa eeguufi kuusaa ragaa biyya keessaa cimsuun dorgommummaa fi of danda’uu dijitaalaa biyyaaf murteessaa ta’uu irratti xiyyeeffannoon kennameera.
Akkasumas, moosajiiwwan (software) fi meeshaalee tekinoloojii (hardware) biyya keessaa oomishuu, dandeettii tekinoloojii biyya keessaa guddisuu fi hirkattummaa alaa hir’isuun kallattii hojii ijoo ta’uu ibsameera. “Egeree keenya ofii keenyaaf ijaaruuf saayinsii fi tekinoloojii akka humna jijjiiramaatti ilaaluun barbaachisaa dha. Dandeettii biyya keessaa cimsuun, ragaa keenya eeguufi tekinoloojii keenya ofii horachuun walabummaa fi olka’iinsa keenyaaf bu’uura.” Kan jedhan Hogganaa Abbaa Taayitaa Saayinsii fi Teeknooloojii Oromiyaa Obbo Mokkonnin Bayyanaa ibsaniiru.
Hoggantuu Biiroo Dargaggoof Isportii Oromiyaa Adde Roozaa badhaadhina biyya keenyaa dhugoomsuufi jireenya uummataa gara boqonnaa haaratti ceesisuuf daandii gara olka'insa haaraatti ceesisu qabaachuu fi dhaloota dorgomaa tahe ijaaruun murteessaadha guyyaa egereen guyyaa dhaloonnii itti honnatee biyya isaa gara egereetti ceesisuu danda'u uumuu qabnas jedhaniiru.
Dargaggoonni humna namaa egeree waan ta’aniif, ogummaa tekinoloojii ammayyaa akka horatan gochuun xiyyeeffannoo olaanaa argachuu qaba. Haaluma kanaan, sagantaalee akka Ethio-Coders cimsuun dargaggoota koodingii, software development, data, artificial intelligence fi ogummaa dijitaalaa biroo keessatti gahoomsuun, carraa hojii fi kalaqaa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba.
“Dargaggoota keenya fayyadamtoota tekinoloojii qofa osoo hin taane, oomishtoota, kalaqtootaa fi furmaata dijitaalaa biyyaaf maddisiisan taasisuu qabna. Akkasumas qonnaa ammayyeessuu fi Wabii Nyaataa mirkaneessuu keessatti Tekinoloojii dijitaalaa fayyadamuun oomish*tummaa dabaluuf tekinoloojiin gahee olaanaa kan qabuufi qonnaan bultootaaf odeeffannoo yeroo isaa eeggate kennuu, tekinoloojiiwwan ammayyaa babal’isuu fi ragaa irratti hundaa’uun murtii qonnaa kennu cimsuun kallattiiwwan hojii xiyyeeffannoo argachuu qaban keessaa ta’uus ” kan ibsan Dr. Lijaalem Ayyalaa marii keessatti kaasaniiru.
Tajaajila Mootummaan Hawwaasaaf kennu illee saffisa, qulqulluu, iftoomina kan qabuu fi lammiilee irratti kan xiyyeeffate mirkaneessuuf tiraansfoormeeshinii dijitaalaa cimsuun barbaachisaa ta’u saganticharratti ibsameera. Kana keessatti, E-GP, marsariitiiwwan, appilikeeshiniiwwan Mootummaa fi Sirnoota Tajaajila Dijitaalaa misoomsuu fi qulqulleessuun, akkasumas Bu’uuraalee Cimdaa (Network Infrastructure) babal’isuu fi cimsuun xiyyeeffannoo argachuun ol ka’iinsi biyya keenyaa dhugoomuu qaba. Tajaajila Mootummaa keessatti tekinoloojii fayyadamuun yeroo fi baasii lammiilee qusachuu, iftoomina dabaluufi qulqullina tajaajilaa fooyyeessuun kaayyoo ijoo ta’uu isaa irrattis Aadde Girumnash Margaa hubannoo bal'aa kennaniiru.
Misooma waaraa fi dorgommummaa biyya tokkoo keessatti qorannoo fi kalaqni gahee olaanaa qabu. Kanaaf, qorannoo saayinsii, kalaqaa fi dhawweessummaa jajjabeessuun, akkasumas dandeettii ogummaa dijitaalaa cimsuun murteessaa ta’uu ibsameera. “Gahumsi ogummaa dijitaalaa milkaa’ina dijitaalummaa fida; kalaqaa fi qorannoon immoo bu’uura dagaaginaati,” jechuun hirmaattotaaf ergaan dabarfameera.
Magaalota Ismaartii fi Bulchiinsa Gaarii qabdu uumuuf Tekinoloojii Dijitaalaa fayyadamuun Magaalota Ismaartii (Smart Cities) ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuun bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa dha. Sirnoota dijitaalaa fayyadamuun tajaajila geejjibaa, bishaanii, qulqullinaa, nageenyaa, odeeffannoo fi tajaajiloota biroo fooyyeessuun jireenya jiraattotaa salphisuuf carraa guddaa akka qabu ibsameera.
Qulqullina Barnootaa fi Bu’uuraalee Dijitaalaa mirkaneessuu fi dhaloota beekumsa, ogummaa fi kalaqaan gahoome horachuuf tekinoloojiin barnootaa fi bu’uuraalee qunnamtii ammayyaa babal’isuun barbaachisaa dha. Bu’uuraalee Cimdaa(Network infrastructure ) babal’isuun, dhaabbilee barnootaa gara tajaajila dijitaalaatti ceesisuu fi barattootaa fi barsiisotaaf carraa ogummaa dijitaalaa bal’aa uumuun kallattii hojii ijoo ta’uus ibsameera.
Walumaa galatti Kabajni Guyyaa Egeree Qaammee 5/2018, Saayinsii, Tekinoloojii fi kalaqni utubaa olka’iinsa Itoophiyaa ta’uu irra deebiin kan mirkaneesse yoo ta’u, qaamolee Mootummaa, Dhaabbilee Dhuunfaa, Yunivarsiitiiwwan, Ogeessota, Dargaggootaa fi Hawwaasa bal’aa gidduutti qindoomina cimsuun gara egeree dijitaalaa fi of danda’eetti ce’uuf waamicha dhiyeesseera.
Abbaan Taayitaa Saayinsii fi Teeknooloojii Oromiyaa, dandeettii namaa guddisuu, kalaqaa fi qorannoo jajjabeessuu, nageenya saayibeerii mirkaneessuu, tajaajila mootummaa dijitaalessuu fi tekinoloojii biyya keessaa cimsuu irratti xiyyeeffannoon hojii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu hubachiiseera.
“Diijitaalli utubaa; humni namaa immoo madda humnaa. Lamaan isaanii walitti fiduun egeree olka’iinsa Itoophiyaa ijaaruuf murteessaadha.”
Odeeffannoo Abbaa Taayitaa Saayinsiif Tekinoloojii argacuuf
---------------------------------------------------
Feesbuukii keenya: https://www.facebook.com/share/1CKNetfgsb/
Yuutuubii: https://www.youtube.com/
Weebsaayitii: https://www.osta.gov.et
E-mail: [email protected]
Telegram (https://t.me/oromiascientechnology)
Oromia Science and Technology Authority
Finfinnee