Engr. Terefe Kemiso

Engr. Terefe Kemiso Success usually comes to those who are too busy looking for it. I am looking forward to get more....

👉NUYI KAN OFII KEENYAA MITI👈 Namni baay'een waan Kan isaa hin taaneen of jaja:   Fayyaa   Miidhagina   Qabeenya   Dandee...
17/10/2025

👉NUYI KAN OFII KEENYAA MITI👈

Namni baay'een waan Kan isaa hin taaneen of jaja:
Fayyaa
Miidhagina
Qabeenya
Dandeetti
Beekumsa
Beekamtii
Humna
Aangoo fi k.k.f........
Kun hundumtuu kan keenya miti. Kan Waaqayyooti. Isa harkaa fudhanne. Inni yoo barbaade libsuu ijaa gidduutti deebisee nurraa fudhachuu danda'a.

Waan kan Waaqayyoo ta'een of jajuun waan kan keenya ta'e irratti iyyuu aboo akka hin qabne huubachuu dhabuu irra dhufa.
👇
Nuyi mataan keenya iyyuu kan ofii keenyaa miti!

Much 🙏 Addisu Wayima Darara Nurgi Badhasa Ijigu
16/10/2025

Much 🙏
Addisu Wayima
Darara Nurgi
Badhasa Ijigu

Namoota milkaa'an yeroo hundumaa waa lama afaan isaanirraa hin dhabamu1. Kolfa 2. Callisuu Kolfa rakkoo furuuf,Callisuu ...
15/10/2025

Namoota milkaa'an yeroo hundumaa waa lama afaan isaanirraa hin dhabamu
1. Kolfa
2. Callisuu

Kolfa rakkoo furuuf,
Callisuu immoo rakkoo hambisuuf.... itti gargaaramu.

Namni har'a milkaa'eera jedhamu lafa har'a jiruu sanaa hin kaane.
Tuqaa ta'e wayiirraa adeemsa eegale. bakka amma jiru ga'e.

Namoonni dadhabanii argatan daandii milkaa'ina isaanii keessaatti mudannoo hedduu qabu. Daandiin milkaa'inaa wal qixxaataa miti. Kufanii ka'uu qaba.

Erga Milkaa'inni kufanii ka'uu qabaatee siinis milkaa'uu wanti si dhorku hin jiru.
Akka har'aatti hin hafamuu Jabaadhu🤝

Waan bor bira ol darbitee achii gadi ilaaluuf jirtu,Waan bira hin ga'amne gootee baay'ee ol fageessitee hin ilaalin!    ...
09/10/2025

Waan bor bira ol darbitee achii gadi ilaaluuf jirtu,
Waan bira hin ga'amne gootee baay'ee ol fageessitee hin ilaalin!
Waaqayyo qaqqabsiisaa dha🤝

05/10/2025

Bakka hundumaatti akka hin argamne eenyummaa nu dhorku qabna🙏

Jajamuufis ta'e Jaallatamuuf...jecha waan hafuura koo hin gammachiisne maaliifan godhaa? Bakka hundatti jaallatamuuf:   ...
03/10/2025

Jajamuufis ta'e
Jaallatamuuf...jecha waan hafuura koo hin gammachiisne maaliifan godhaa?

Bakka hundatti jaallatamuuf:
Takka Sirbee
Takka faarfachuurra

Bu'aan of dhabanii argatan natti hafee
Isa na keessa jiruu wajjin walii galee nagaatti jiraachuu anaaf Wayya.

Muka dhaloonni tokko dhaabe dhaloonni biraan jalatti aara galfata jedhu chaayinoonni           👇Seenaan har'a dalagamu d...
02/10/2025

Muka dhaloonni tokko dhaabe dhaloonni biraan jalatti aara galfata jedhu chaayinoonni
👇
Seenaan har'a dalagamu dhaloota boriif gaaddisa akka ta'utti riqicha jaalalaa ijaaruun murteessadha!

  1. Geggeessummaan taa'uu osoo hin taane ta'uu dha2. Geggeessaa baay'een iddoo qabu malee amala hin qaban3. Hanqinni ge...
01/10/2025



1. Geggeessummaan taa'uu osoo hin taane ta'uu dha
2. Geggeessaa baay'een iddoo qabu malee amala hin qaban
3. Hanqinni geggeessitoota baay'ee rakkoo kudhaniif furmaata tokko qofaa qabaachuudha
4. Geggeessaan rakkinaan rakkina jedhee hin waamu, carraadha jedhee waama
5. Geggeessummaan namaaf jiraachuudha malee namarratti jiraachuu miti.
6. Namoota geggeessitu hamachuun ulaagaa geggeessummaa miti
7. Geggeessaan guyyaa gara guyyaatti guddata malee guyyaa tokkotti hin guddatu

Hayyuu guddaan dubbi jajjabaa kana galaase eenyuu?

  Miidiyaa hawaasaa kanarraa maqaa namoota hojii gaggaarii hojjetaniitiin account banaman hedduu argina. Garuu kan namoo...
30/09/2025



Miidiyaa hawaasaa kanarraa maqaa namoota hojii gaggaarii hojjetaniitiin account banaman hedduu argina. Garuu kan namoota sanaa osoo hin taane, kan warra eenyummaa hataniiti(Identity thieves)

We can call such action as: Identity theft, identity piracy or identity infringement.

Sababni maalii:
1. Namoota Harka qullaa beekamuuf fiigantu baay'ate.
2. Namoota ofitti amanamummaa hin qabnetu baay'ate: kanaaf profile namaa jala dhokatu.
3. Namoota qaxxaamura guddachuuf kaatantu baay'ate
4. Namoota haasaa qofaadhaan jiraachuu barbaadantu baay'ate
5. Namoota Maqaa namaatiin daldalantu baay'ate

Gaaffii:
1. Eenyummaa namaatiin beekamti argatanii bu'aan sanarraa argamu maalii?
2. Eenyummaa sobaatiin of waamanii gammachuun achirraa argamu maalii?


Eenyummaa namaa hatuun qabeenya namaa hatuurra ni caala. Kun yaakka. Hanna fokkisaadhas. Hanni amantaa kamiinuu eeyyamamaa miti. Hannarraa harka keessan deebisaa🙏

Maqaa namaatiin maqaa horachuuf yaaluun maqaa ofii dhabuudha. Of dhabuun immoo du'arra hin wayyu.

Adaraa eenyummaa namaa hin hatinaa🙏

👉Of Dhabee Namas Dhabe👈 Amala dhaloota miidiyaa hawaasaa kanaa:😄Nama mul'ate cina dhaabatee mul'achuu barbaada😄Nama jaba...
23/09/2025

👉Of Dhabee Namas Dhabe👈

Amala dhaloota miidiyaa hawaasaa kanaa:
😄Nama mul'ate cina dhaabatee mul'achuu barbaada
😄Nama jabaatti hirkatee ce'uu barbaada
😄Nama faarfame faarsee buluu fedha
😄Nama ol ka'e ol fuudhee ittiin jajaamuu barbaada
😀Ajandaa abbaan arge itti kenne wal harkaa fuudhee mataa wal cabsa
😃Bishaan aboota
😀Qilleensa ariya

Gidduutti waa lama dhabe:
1. Of dhabe: utuu nama kan biraa ta'uuf rakkatu tasumayyuu of dhabe

2. Nama Dhabe: nama hundumaa buufaachuuf jedhee utuu asiis fakkaatee achis fakkaatuu hundumaayyuu dhabe.

Kana hundumaarra,
Maal amma yoo of taane maal qabaa?

23/09/2025

Jiraachuun jirraa miti,
jirraatu jiraachuudha.
Jiraatti du'uurra, du'anii jiraachuu Wayyaa!

👉I have a Dream! Har'a bifa ilaalamee murtoon kennama.Guyyaa   ilaalamuun hafee   itti ilaalamu hin dhufa. Guyyaa sana i...
19/09/2025

👉I have a Dream!

Har'a bifa ilaalamee murtoon kennama.
Guyyaa ilaalamuun hafee itti ilaalamu hin dhufa.

Guyyaa sana ijoollee koo arfan warra har'a bifa ilaalamee itti faradameef hin faradama.
Martin Luther King gurraacha Ameerikaatu jedhe.
Jechi Martin Luther dubbate sun waggaa afurtama booda dhugoome!


Ija tulluu garasitti argu hin qabdu yoo ta'e mutaadhaan of keessaa baasii jedha oromoon.

👉Abjuu qabaadhu
👉Abjuu keef jiraadhu
👉Yeroo hundumaa mul'anni kee ija kee dura haa jiraatuu

Abjuun galgala tokkotti hin dhugoomu sababa ta'eef;
Karaa dheeraa yoo si adeemsise illee, abjuu kee faana dhayi malee daandii abjuun kee itti si geessu irraa hin maqin!

Jireenyi kee har'aa galma mul'ata kee borii murteessa waan ta'eef guyyaa keetti hin qoosin!

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Engr. Terefe Kemiso posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share