Sanyi Gada Tura

Sanyi Gada Tura I am a slow walker , but I never walk back.

BARA BIYYA BULCHITE MAALIIN YAADATANTA?......Namoota angoorra jirtanuu fi qaamni lafa bulchitanu kan Gudina Gujii lamaan...
09/03/2024

BARA BIYYA BULCHITE MAALIIN YAADATANTA?......
Namoota angoorra jirtanuu fi qaamni lafa bulchitanu kan Gudina Gujii lamaanuu keessa jirtanuuf:
Dhimmi: BEEKKANTII GOOTOTAA FI HAYYOOTAAF KENNUU TE'A.
Akkuma mata duree irratti tuqamuuf yaalametti ijaarsi naannoo keennatti ijaaramu yeroo bacaa, kan naannoolee biraatiin wol bira qabamee yeroo ilaalamu harree fardaan dorgonsiisuu fakkaata. Siidaa goototaa fi hayyota ifiitiif dhaabuun ifiif garaa dhalootaa keessatti siidaa yaadannoo dhaabachuudha. Kanaafuu hojjataa fi hoggansi naannoo Gujii martinuu dhimma kana dhaabbattanii laaluudhaan, hujii bara angoo teessanii ibsitu adoo hin teene, hujii seenaa fi aadaa uummata badhaa ibsitu akka hojjattanu.
Mee siidota naannoo Gujii keessa jiranuu muraasa haa laallu:
1. Magaalaa Shaakkisootti kan ijaaraamaa jiru siidaa jedhanii ibsuun???
2. Magaalaa Bulee Horaatti Asphalt Finfinnee irraa gara Moyalee deemu irratti hojaatama kan jiru siidaa Bariisoo Dukkallee jedhanii ka dhaabani, Bariisoof yokiin namaa biraatiif dhaabbatuu isaa wonni ibsu design siidichaa gubbaa hin jiru.....
Mee magannee hoggansi naannoo keenna bawaatii magaalota ollaa keennaa, kanneen akka Yaaballoo, Hawaasaa fi kkf laalaa!...Woli deebina....

Address

Addis Ababa

Telephone

+251919531271

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Sanyi Gada Tura posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Sanyi Gada Tura:

Share