Habtamu Abebe

Habtamu Abebe Gaggeessummaan imaanadha. Imaanaa hin nyaatin. Imaanaa nyaachun imimmaan nyaachudha. MS

‎Amala Namaa Sadan‎===========================‎Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a.1. ️Nama...
12/04/2025

‎Amala Namaa Sadan
‎===========================
‎Saayikoloojiin Amala Namaa Bakka Gurguddaa Sadiitti Qoodee kaa’a.

1. ️Nama sammuu banaa qabu
(open minded person)
‎ nama biraa giddu galeessa godhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee keessaa gadi fageessee fudhata, yaada isa ijaaruuf isa diigu beeka.Namni akkasii kun yaada namoota biroo fudhachuuf sammuunsaa qophaa’aadha.
‎ Ilaalcha madaalawaa qaba, siin hin mormu, erga yaada kee hubatee si amansiisuuf ragaadhaan deeggaree yaadasaa dhiyeeffata.Yeroo hunda ilaalcha qajeelaa qaba, nama hundaaf gaarii yaada, ilaalcha naannummaa, gandummaa, sanyummaa fi lagummaa of keessaa hin qabu, haasa’aan isaa ogummaan kan guutameedha.Fageessee yaada, fageessee tarkaanfata, hamma dubbatuun ol hojjeta, odeessuurra hojiidhaan agarsiisuu filata. Namni sirriin isa kana.

2. ✍️Nama Suutee ( Person)
‎ kun yeroo hundaa moo’amaadha,waan namni jedhe hunda tole jedhee fudhata, waan isaaf ta’u adda baasee hin beeku, waanuma hiriyaan isaa/ishee gootu ilaalee godha.Ofitti amanamummaa hin qabu, waanuma sirrii dhiisi kun sirrii miti yoo jette ni dhiisa. Namni akkasii kun jireenyi isaa kufaadha.

‎3. ✍️Nama Ofittoo ( Person)
‎ akkasii immoo Kan Koo malee jechuu baay’isa, yaada nama biraa qooddatu,ni dheekkama, lafuma fayyaa si dhaanuu, ooduu, barbaada ija diimeffata.
‎ Namni kun ija jabinaan dorgooma hin qabu.Ana malee, of tuula, ana malee namni hin jiru jedha, sin kabaju, qoma dhiibee deema dhimma kee hin qabu. Hiriyaa akkasii sirraa
‎haa qabu malee guyyaa adii qullaa si hambisa.hanga ati sagalee qabdu qofa si kabajaa Irraa isin haa baraaruu!!!!!!!

,  JECHA KANA GUDUUNFADHUU!***************************************1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.2. ...
09/04/2025

, JECHA KANA GUDUUNFADHUU!
***************************************
1. Bishaan guute fi nama quufe dhaabbadhuu dabarsi.
2. Walitti dhufeenya nama waliin qabdu irra caalatti
cimsuudhaaf cimaa, jabaataa fi namaan walii galaa ta'i.
3. Beekaa kan si jechisiisu dubbisuu osoo hin taane Kan dubbifte yaadachuu keeti.
4. Yeroo hundaa ofirratti amanamummaa guddaa
qabaadhu.
5. Dubartii dubartiin malee rasaasan hin ajjeesin.
6. kan koo qofa fudhu (dhagayi) kiyyatu sirriidha doofaa siin jedhu hubachiisii biraa fagaadhu malee waliin hin mormin.
7. Seenaa kaleessa raawwatteef dogongora Kan deebisu xiiqii sammuu keetiiti.
8. Namni hundi qabaachuu kan barbaachisu maqaa
gaaridha.
9. Beelarra kajeellaatu nama miidha!
10. Hiriyyummaan burqaa bishaanii maddi isaa hin
beekkamneedha.
11. Hiriyaan yeroo rakkoo fi dararaa humna.
12. Hiriyaan dhugaa yeroo dukkanaa ifaadha.
13. Hiriyaan dhugaa madda gammachuuti.
14. Hiriyaaf kan dhukkubsatuu fi ofirra nama hiriyaaf
yaadu ta'i.
15. Hiriyaan dhugaa daawwitii dha.
16. Jecha caalatti kan dubbatu gocha.
17. Nama jalaa dheessun salphaadha, sammuu ofii jalaa miliquun garuu ulfaatadha.
18. Maalummaa ofii cimsanii beekun gaarummaa loogii hin qabnedha.
19. Namni obsa qabu ganama cirracha nyaatee galgala aannan dhuga.
20. Galma gahumsi fedhii keetii kan madaalamuun milkaa'ina keetin Kenneen biroo jiraachuu yoo danda'anidha.
21. Oonnee tee qulqulluu godhi! maalif jennaan
fooddaa ala ittiin ilaaltu.

Kan dubbiserraa.

KANA BEEKTUU LAATA ?⚫Namni tokko guyyaatti yaadota adda addaa kuma jaatamaa ol yaada. Wanti nama gaddisiisu garuu yaadot...
11/03/2025

KANA BEEKTUU LAATA ?

⚫Namni tokko guyyaatti yaadota adda addaa kuma jaatamaa ol yaada. Wanti nama gaddisiisu garuu yaadota kanneen keessaa baay'een isaanii kan isa fayyadan osoo hin taane kaallattiidhaanis tahe al kallattiin kan isa miidhaniidha.
⚫Dandeettii yaaduu sammuu isaa 10%-12% qofa itti fayyadame dhalli namaa (Shiiv keeraa).
⚫Haaloo qabachuun kan inni miidhu namicha sitti balleesse sana osoo hin taane si isa haaloo qabateedha.
⚫Raawwatee namni dogoggora hin uumne isa du'e qofa akka tahe beektaa? Garuu dogoggora irra deddeebi'uun immoo balleessaadha.
⚫Namni gahumsa g/galeessa qaba jedhamu tokko yoo xiqqate dandeettiiwwan adda addaa 500-700 qaba. (Riik Waaren)
⚫Namoota addunyaa irra jiran hunda keessaa kan bakka si buhuu dandahu hin jiru.
⚫Namoonni ji'atti daqiiqaa 30f ispoortii hojjetan namoota homaa sochii hin goone caalaa 43% umurii dheeraa jiraachuu danda'u.
⚫Onneen keenya yeroo 103,680 akka dhikkifattu ykn waggaa tokko keessatti yeroo 37,843,200 akka dhikkifattu.
⚫Onneen keenya dhiiga gaaloonii 4,300 akka raabsitu kan godhu yoo tahu kunis bara jireenya keenyaa keessatti baarmela biliyoona 13 guutuu danda'a.
⚫Dhiigni keenya kaappilaarota km 960,000 dheeratan keessa yeroo 1,450 akka naannawu godha.
(kanan dubbiserraa)

Gadda😢Har'as balaa konkolaataa suukkanneessaa godina Shawaa Lixaa naannawaa bosona   mudateen lubbuun namoota 40 tti dhi...
10/03/2025

Gadda😢

Har'as balaa konkolaataa suukkanneessaa godina Shawaa Lixaa naannawaa bosona mudateen lubbuun namoota 40 tti dhiyaatanii darbuu akka hin oolle dubbatamaa jira. Ayyaantummaan warra abbaa Oromoo balaa hammaataa akkasii nurraa haa qabu😭

Nama miidhuurra namaan miidhamuutu caala! Namatti hin darbin, namas hin miidhin !
01/03/2025

Nama miidhuurra namaan miidhamuutu caala!
Namatti hin darbin, namas hin miidhin !

Address

Addis Ababa
0912871336

Telephone

+251912871336

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Habtamu Abebe posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Habtamu Abebe:

Share