05/07/2025
Dhimma Aandu’aalamiifi Qananii
—
Dhimma ijoollee kanaa irratti wahuu jedhee hin beeku; lachuu dhugumaan nama mararu. Qananiin lubbuu dhabde; Andu’alam ammoo ishiis ofis dhabe. Dhimmi du’a ishii kun isaan walqabataafi walhin qabatuurratti wantin beeku dhabamullee, dubbiin kun garuu bakka godhachuu qaba.
Jarana akka Oromoo Oromummaa qabuutti, akka nama saba kana keessaa dhalateefi keessatti guddateetti,deemsi keenya maal ta’uu qaba kan jedhu odoo tolfannee gaarii ta’a.
Du’a Qananiitiin walqabatee seerri waan baasuu yaale qaba ture. Gama saniin wanti deemmames waan namoota quubse miti. Kanaaf, akka Oromootti yeroo galteen akkanaa galu, maal gochaa turre? Falli maalin dhahama kan jedhu kaasuun barbaachisaadha. Kanaaf, kan jalqabaa,
Dhugaan akka baatu daandii Oromummaatin
1.Jaarsa baasnee, laduu qabsiifnee, garlamii kaksiifnee, lallabannaa gochuu,
2. Lallabannaa booddee gara hanquun jirtu jaarsi argee kabuun, dubbii qabuun, harka baafannaa tolchuu,
3. Erga jaarsi laguu waatessee, araara buusuun kan du’e jannateessinee, kan jiru jaataneessuun silaa tolfamtee dubbiin tun achiin qofa fiixee godhatti jedheen yaada. Walabaaraa, gareen wal ririmsaa garamuu hin geenyu. Badii bade kanarratti badii kan biraa dhaluun, haaloo dabalataa kuusna ta’a malee kun bu’aa hin buusu. Kanaaf, mee dhugaa dhokattes ibsinee, gara araarsuutti yaa xiyyeeffannu.