04/08/2024
Eenyummaa daldalaa akkamiin jaarra?
**********💥
Dhaabbilee fii daldaltoonni Jaarraa 21ffaa tan keeysatti milkaahuuf tooftaalee fii tarsiimoo Jaarraa tana waliin isaan tarkaanfachiisu hordofuun dirqama filannoo hin qabne. Tooftaalee fii tarsiimoo Jaarraa 21ffaa kana keeysatti dhaabbileen dorgommaa isaanii caalani arkamuu dandaha keeysaa eenyummaa daldalaa cimaa jaaruun isa tokko fii hangafa. Kanumaafi dhaabbileen baayyeen maallaqaa danuu dhangalaasun wanni eenyummaa daldalaa cimaa jaarachaa jirananiifiis. Dhaabbileen daldalaa bara dorgommii kana keeysatti milkaahuu barbaadu kamuu horii dhangalaasun eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaa jaarachuu qaba. Eenyummaan daldalaa (brand identity) cimaa jaarachuun bu'aawwan armaan gadii daldalaa kee goonfachiisa:
☆ Maamiltoota hawwachuu
☆ Amanamummaa jaaruu
☆ Gurgurtaa dabaluu fii k.k.f
Hub: Barbaachisummaa isaa ballinaan baruuf barreeyfama guyyaa kaleeysaa isiniif maxxansinee turre dubbisaa.
Akkaataa eenyummaa daldalaa jaaruuf isin gargaaran akka armaan gaditti isiniif dhiheeysineeti jirra kunooti:
✔️ 1. Moggaasa ibsuu (Define your brand)
Eenyummaa daldalaa cimaa jaaruuf tarkaanfiin jalqabaa eenyummaa daldalaa keetiif maqaa baasudha. Kunis Duudhaa (Value) , ergamaa (Mission) fii mullata (Vision) dhaabbata keeysanii adda baasuu dabalata. Dhaabbata keeysan maaltu adda taasisa? Kaayoon keeysan maali? Gaafiiwwan olitti laalle tanaaf deebii quubsa erga deebiste booda hubannoo gahaa waahee eenyummaa daldalaa keetii qabaattee jechuudha.
Erga hubannoo ifa waahee eenyummaa daldalaa keetii erga qabaatte booda, meeshaalee maxxansaa garaagaraa eenyummaa daldalaa dhaabbata keetii kana ibsan irratti horii dhangalaasun (invest) bifaa kaayoo fii duudhaa dhaabbata keetii waliin walsimuun itti fufiinsaan qabuun oomisha fii tajaajila dhaabbatichi laatu cufarratti akkasumas meeyishaalee beeysisaa fii dhaadheeysa ka'umurratti fayyadamuu qabu.
✔️ 2. Qajeelfama guca eenyummaa daldalaa(Create a branding style guide):
Qajeelfamni guca eenyummaa daldalaa dhaabbata galmee akkaataa fii wantoota dhaabbaticha bikka bu'an kanneen akka moddaasa daldalaa, asxaa, halluuwwan, boca qubeewwanii fii wantoota mullata dhaabbatichaa bikka ibsuuf itti fayyadamnu kan if keeysa qabuudha.
Qajeelfamni kun akkaataa eenyummaa daldalaa keetii bifa itti fufiinsa qabuun tajaajila fii oomishaa dhaabbatichi laatu cufarratti akkasumas meeyishaalee dhaadheeysa fii beeysisaa hundaan walsimsiisuun eenyummaan daldalaa dhaabbatichaa jijjiirama tokkoo malee akka hujiirraa oolu mirkaneessuuf akkaan barbaachisaa fii murteeysadha.
✔️ 3. Moggaasa (branding) tokko qabaadhu:
Yaa'aalee qunnamtii (commination channel) hunda irratti moggaasa daldalaa (branding) tokko qofa itti fufiinsaan fayyadamuun barbaachisaa dha. Kana jechuun asxaa, halluu, qubee, fii garsiiftuwwan eenyummaa daldalaa walfakkaataa marsariitii, qunnamsiistu hawaasaa (Social media), meeyishaalee maxxansaa fii meeyishaalee beeysisaa fii dhaadheeysa cufarratti fayyadamuu jechuudha. Dhaabbanni tokko itti fufiinsaan eenyummaa daldalaa (brand identity) walfakkaataa fayyadamuun dhaabbatichi eenyummaa cimaa fii beekamaa tahe uumuuf isa gargaara.
✔️ 4. Moggaasa (branding) kee beeysisi:
Erga eenyummaa daldalaa (brand identity) tokko filattee booda itti fufiinsaaan maamiltootaa xiyyeeffannoo keetti irratti beeysisuun moggaasa fii eenyummaa daldalaa cimaa fii amnamaa akka horattu si taasisa. Moggaasa daldalaa kee karaaleen adda addaa hedduutu jira, isaanii keeysaa hangafoonni kanneen armaan gadiiti:
☆ Beeksisuu (Advertising)
☆ Sab-qunnamtii (Public relations)
☆ Odeeysituuhawaasaa (Social media)
☆ Qabeysisuu (Content Marketing)
☆ Imeleeysisuu (Email marketing)
✔️ 5. Moggaasa hangoolalu (Monitor your branding):
Raawwii hujii eenyummaa daldalaa keeysanii hordofuun akkaataa barbaachisummaa isaatiin sirreeyfama yaroon taasisuun barbaachisaa dha. Kunis dhaqqabummaa (Reachable), hirmaata (Engagement), fii gururi'a (sentiment) hordoftoota keetii faana dhahuu (tracking) dabalata.
Moggaasa kee fana dhahuu bikka cimina itti qabdu daran cimsuu fii bikkaa hanqinni arkameeti yaroon adda baaste tarkaanfii fooyye'insa akka taasistu si gargaara.
Dhaabbileen bebbeekamoon addunyaarratti akkaan beekamaa tahan kanneen akka fii k. K. F. cufti isaanii karaa armaan olitti ibsaman kanarra deemuudhan eenyummaa daldalaa (brand identities) cimaa jaaruuf isaan dandeeysiseeti jira.
Moggaasa isaanii ibsaniiru, qajeelfama guca eenyummaa daldalaa (brand style guide) uumuun, moggaasa isaanii waliin walsimsiisanii jiru, moggaasa isaanii beeysisaniiru, akkasumas moggaasa isaanii faana dhahanii jiru. Kanarraa kan ka'e dhaabbileen kunneen addunyaarratti maqaa beekamaa fii milkaahaa horatanii jiran.
Akka biyya keenyatti fakkeenya gaarii dhaabbileen tahuu dandahaan Baankiileedha. Baankiiwwan biyyatti eenyummaa daldalaa cimaa jaaruu isaanii wanni beeynuun cufti keenyahuu baankii itti qofa osoo taane tan itti hin fayyamnellee yaroo arkinu moggaasa isaanii osoo hin laalle halluuwwan (colors) isaanii qofa laalun kun Baankii kana sinimmoo Baankii sani jattanii akka adda baastan shakkii takkallee hin qabu.
Dubbii tana mirkaneeyfachuuf ani Tolee(emoji) dhan halluuwwan baankoota sadihii isiniin gaafadha. Isiniis link'n ani sanduyaa (comment) jala isiniif kaayen channel telegram 'tiin maqaa baankoota sadeen barreeysa.
Hub: Gaafii telegram jala jirti.👇🏾
~ Stay informed to stay ahead
Hundee Murti-Guutoo ~ Ogeeysa biyya kuush