09/02/2026
ውድ ኢትዮጵያዊያን
በዚህ ሳምንት ውዷ ሀገራችን በአፍሪካ ኅብረት ጉባኤ ለመታደም የሚመጡ እህት ወንድም አፍሪካዊያንን ለማስተናገድ ልቧን ከፍታ-እጆቿን ዘርግታ ትቀበላለች። እነዚህ ወዳጆቻችን የሰንደቃችንን ቀለማት የሚጋሩ፣ ኢትዮጵያን እንደነፃነት ቀንዲል የሚመለከቱ ብሎም ሀገራችን የአኅጉሩ የፖለቲካ ርዕይ የማዕዘን ድንጋይ አድርገው የሚያከብሩ ናቸው።
ኢትዮጵያ ወደር በሌለው እንግዳ ተቀባይነቷ ለምን ልትከበር እንደበቃች በአቀባበላችን እናሳያቸው። እንደቤታቸው እንዲሰማቸው እናድርግ። በክብር እንቀበላቸው። በፍቅር እናቆያቸው። ተደምረን ሰንደቃችን የሚወክለውን የአፍሪካ አንድነትን መንፈስ እና የሚያያይዘንን የወል ህልም እናክብር!
Jaaltamtoota Itoophiyaanotaaf,
Torbee kana biyyi keenya jaalatamtuun Afrikaanota obbolaa keenya Yaa'ii Gamtaa Afrikaa irratti hirmaachuuf dhufan keessumsiisuuf balbalashee bantee harkashee bal'iftee ni simatti. Hiriyoonni keenya kunneen haalluu alaabaa keenya kan qooddatan, Itoophiyaa akka mallattoo bilisummatti kan ilaalan, akkasumas biyya keenya akka dhagaa bu'uraa mul'ata siyaasaa ardichaatti kan kabajanidha.
Simannaa keenyaan Itoophiyaan simannaa keessumaashee gita hin qabneen maaliif kabajamuu akka dandeesse itti haa agarsiifnu. Akka waan manasaanii jiraniitti akka itti dhagahamuu haa taasifnu. Kabajaan haa simannu. Jaalalaan haa tursinu. Ida'amnee miira tokkummaa Afrikaa alaabaan keenya bakka bu'uufi kaayyoo waloo hunda keenya walittiqabu haa kabajnu!
To my fellow Ethiopians,
This week, our beloved homeland opens its arms to fellow Africans attending the AU meetings. These are friends who share the colors of our flag, who see Ethiopia as a beacon of freedom, and who regard our country as a cornerstone of political vision for the continent.
Let’s show them why Ethiopia is known for its unmatched hospitality. Let’s make them feel at home, greet them with respect, and embrace them with love. Together, let’s honor the spirit of African unity that our flag represents and the shared dreams that connect us all.