08/05/2025
BEEKSISA👇
Addaan cituu Tajaajila elektrikaa kan karoorfame(planned Interruption) isin Beeksisuu ta'a.
Kabajamtoota maamiltoota keenya,Gaafa caamsaa 02/09/2017 ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee hanga galgala sa'aa 12:00tti Akkasumas Gaafa Caamsaa 03/09/2017 ganama sa'aatii 2:30 irraa eegalee hanga galgala sa'aa12:00tti Sababa suphaa Sarara Humna Ibsaa abbaa Kiiloovooltii (230KV) Godina Buunnoo Beddellee fi Godina Iluu Abbaa Booraa gidduutti raawwatamuuf tajaajilli ibsaa kan addaan citu ta'a.
Haaluma kanaan Bakkeewwan Akka:-
1.Magaalaa mattuu
2.Aanaa Aallee
3.Aanaa Haluu
4.Aanaa Buree
5.Aanaa Diiduu
6.Aanaa Nadhii Noonnoo
7.Aanaa Bachoo
8.Aanaa Hurrumuu
9.Aanaa Yaayyoo
10.Aanaa Dooranii
11.Aanaa Nophaa
12.Aanaa Algee
13.Aanaa Daarimuu
14.Aanaa saayilemii fi
15.Yuunivarsitii mattuutti argamtan hundi gamanumaan qophii dursaa barbaachisu akka gootanii fi hanga hojichi xumuramutti obsaan Akka nu eegdan kabajaan isin hubachiifana.
Maddi:-T.E.Riijinii Mattuu
***