Obsan Tuji Yaie

Obsan Tuji Yaie Studied@Madda Walabu University
Worked@Genale Construction PLC
CEO & Owner of Komarsan GC PLC

 : Tilmaamamaa badhaafamaa!Baadiyyaan tuni eessa?😳🤔
28/08/2026

: Tilmaamamaa badhaafamaa!
Baadiyyaan tuni eessa?😳🤔

 'IBAADubbii baasaati 🤣😆Joolleen tun lamaan mana nyaataa tokko seentee nyaata afur nama lamaan GIXXIM godhanii nyaatan. ...
28/08/2026

'IBAA
Dubbii baasaati 🤣😆
Joolleen tun lamaan mana nyaataa tokko seentee nyaata afur nama lamaan GIXXIM godhanii nyaatan.
Achi booda maallaqa kafalaa jennaan lakkii qarshii hin qabnu jedhan.
Warri mana nyaataatis Nama beektanitti bilbiltaniitis taatu kafalaa malee hin deemtan jedhaniin. Ijoolleen tun garuu Qorii nyaataa nu dhiqsiisaa akkasitti kafalla jettee hiciqillaa jette. Sababni ammoo nuti Tiktootara, nyaataa erga nyaanne kafaluu diduu hojjanna jedhan. Kanaafis ragaa suur-sagalee fi footoo agarsiisan.
Abbaan mana nyaataatis hayyee erga akkas jettan koottaa qorii nyaataa dhiqxanii jedheenii man-duubbee geessan.
Achi booda kunoo akka argitan kanatti walqixxeesanii qajeelchan.
Jirenya qaalawe kanaan qoosaa akkanaa qoosuun tanaaf nama saaxila.

Gudiin godha jettee gudiin itti taate 🤣

(April 2024)

  Sudaan Kibbaatti namicha   humnaa ol dhugee du’e*****************************************Sudaan Kibbaatti bara baraan ...
28/08/2026


Sudaan Kibbaatti namicha humnaa ol dhugee du’e
*****************************************
Sudaan Kibbaatti bara baraan aadaan Saba tokkoo ta'ee kan kabajamu bara baraan dorgommiin Aannan dhuguu nigaggeeffama.

Kanumaan walqabatee dorgommii aannan dhuguu bara kana gaggeeffameen namichi maqaan isaa Baak Magookidiit Juuni'eer jedhamu aannan hammaa ol dhuguun dorgomicha injifate.

Dorgommii obsa fixachiisaa kana kan injifate Baak Magookidiit Juuni'eer injifannoo gonfachuu isaatti osoo gammachuu itti dhaga'ame ibsachaa jiruu rakkoon fayyaa isa muudate.

Itti hinfooyyofne. Adaduumaan itti cimaa deeme. Dhuma irratti aannan humnaa ol dhuguun du'aaf isa saaxile.

(August 2025)

Nu haabaraaru!
Isin haabaraaru! ✍️

Garaa nama nyaata💔😭Hanga dhumaatti dubbisaa🥲👇
28/08/2026

Garaa nama nyaata💔😭
Hanga dhumaatti dubbisaa🥲👇

 ‼️  kana eenyutu injifate? Akkamitti?Who is the winner?  🤔How? Maaliif? Akkamitti?
28/08/2026

‼️
kana eenyutu injifate? Akkamitti?
Who is the winner? 🤔
How? Maaliif? Akkamitti?

A’aa’aa gubadhu an 🥲Hanga dhumaatti dubbisaa 😆😆🤣🤣
28/08/2026

A’aa’aa gubadhu an 🥲
Hanga dhumaatti dubbisaa 😆😆🤣🤣

 🥲🤔Paasterii kun biyya South Africa 🇿🇦 keessatti Abbaan manaa dubartii kanaa du'ee waan tureef gaafa awwaalcha Abbaa man...
27/08/2026

🥲🤔
Paasterii kun biyya South Africa 🇿🇦 keessatti Abbaan manaa dubartii kanaa du'ee waan tureef gaafa awwaalcha Abbaa manaashee jilbeenfatee "natti heerumi si faana barakoo jiraachuun barbaada ittiin jedheen"!

Reeffi Abbaa manaashee akkuma suuraa irratti argaa jirtan hin awwaalamne ture yeroo inni gaaffii kana isheef dhiyeessu!🤭
Isheenis tole jettee qubeelaa isaa irraa fudhattee walitti maramani🫂

Yeroo kana Namoonni bakka sana jiran bakka lamatti hiraman. isaan tokko gammachuudhaan harka walitti dha'anii ililchaa turan! Warri kaan ammoo Abbaa manaashee kanayyuu isaa wajjiin walii galanii ajjesuu hin olle, kana maleemmoo akkamitti otuu reeffi abbaa manaashee biyyeetti hin dabalamiin gocha fokkisaa kana godhu jechuun mormii kaasaa turan.

Isin maal jettu? 😁

 *naa  1) Abbaan manaa uffata bareeda akka uffatu fedhii hinqabdu2) Ollaa isaanitti daa'imni takka gaafa dhalatte fiigde...
27/08/2026

*naa
1) Abbaan manaa uffata bareeda akka uffatu fedhii hinqabdu
2) Ollaa isaanitti daa'imni takka gaafa dhalatte fiigdee dhaqxee bifti daa'ima sanii bifa abbaa manaa ishee fakkaata moo hinfakkaatuu adda baasti
3) Abbaan manaa ishee akka sh*ttoo dibatu hinbarbaaddu
4) Halkan osoo waliin rafaa jirtuu hirriiba keessaa dammaqxee dubartii biraa isa cinaa harkaan barbaaddi
5) Halkan suuta jettee bilbila abbaa manaa ishee keessa Lakkoofsa bilbilaa dubartoota biraa barbaaddi
6) Abbaan warraa ishee reebuu irra darbee osoo tarkaanfii biraayyuu fudhatee miila kaastee isaa biraa baatee gara maatii ishee hindeemtu
7) Sa'aatii sa'aatiidhaan bilbiltee gara manaatti waamti
8) Sobaan kakatti
9) Sobdee yeroo mara nadhukkuba jettee ciisti
10) Galgala sa'aatii 1:00tti gara siree deemnee ciisna jettee abbaa manaa dirqiti
11) Yeroo gabaa bahu, warra boo'aa, mana cidhaa, afooshaa...fi iddoo biraa dhaqu isa biraa hinhaftu. Yeroo tokko tokko mana fincaaniyyuu isa faana seenuu feeti.
12) Dubartoota ollaa, firaa fi maatii walii hingaltu
13) Abbaa manaashee warra ollaa, maatii fi firoottan isaatin walitti buusti
14) Maatii fi fira isaa kan isheeti gaditti ilaalti
15) Galgalaa ganama fakkeenyaaf “Gaddisee Eessatti beekta? Lakkoofsi ishee bilbilakee keessa maal godha? Baqqaluun eenyu? Guyyaa meeqa waliin ciiste?........fi k.k.f” jechuun abbaa manaa ishee afuura kutti
16) Yoo of sirreessite ofsirreessi kanaan ala mana murtiin sidhaaba jettee galgalaa ganama sobdee abbaa manaa doorsisti.
17) Altokko tokko abbaa manaa reebuu yaaddi
18) Ammaa dhuftee * * jalatti na arrabsiti

Obsån Tuji Yaie✍️

 ....❤️‍🩹💌❤️‍🩹* Dubartii waa sagaliin horatu!~ Sadi gorsaan~ Sadi obsaan~ Sadi dhoksaan* Ilmi namaa haala jireenya isaat...
27/08/2026

....❤️‍🩹💌❤️‍🩹
* Dubartii waa sagaliin horatu!
~ Sadi gorsaan
~ Sadi obsaan
~ Sadi dhoksaan
* Ilmi namaa haala jireenya isaatiin bakka
saditti qoodama!
~ Tokko kan biyya jiru
~ Tokko kan biyyaaf jiru
~ Tokko kan biyyatti jiru
* Namni lafee coru waa sadi fakkaata!
~ Yoo ija itti babaasuu, goota fakkaata.
~ Yoo afaan itti banu, waraabessa
fakkaata.
~ Yoo itti gororu, daa’ima fakkaata.
* Namni kijibu waa sadihiif muddama!
~ Hanga dhagahuuf
~ Hanga himuuf
~ Naa dhoksaafis ni muddama.
* Gowwaan waa sadi jaalata!
~ Osoo hin dubbisin dubbachuu
~ Osoo hin gaafatin himuu
~ Osoo hin tuqin aaruu
* Keessummaa waa sadihiin kabaju!
~ Erbee rifeensa hin qabne
~ Lafee foon hin qabne
~ Foon lafee hin qabne
¤ Hiikni isaas:
~ Erbeen rifeensa hin qabne, fuula ifaan
simachuudha.
~ Lafeen foon hin qabne, ilkaan gaariin
wajjiin kolfuudha.
~ Foon lafee hin qabne immoo, arraba
qajeelaan itti haasahuudha.
* Waa sadi fafa, waa sadi fafaa miti!
~ Lolaaf bahanii waraana dhabuun fafa.
Lolaaf bahanii waraana dhabuun fafaa
mitii, onnee dhabutu fafa.
~ Du’anii ibaadaa dhabuun fafa. Du’anii
ibaadaa dhabuun fafaa mitii, durumaan
ibaadaa dhabutu fafa.
~ Barumsaaf bahanii qalama dhabuun fafa.
Barumsaaf bahanii qalama dhabuun fafaa
mitii, kaayyoo dhabutu fafa.
* Waa sadi dura badee, waa sadi tura bade!
~ Makkalli dura badee, hayyichi tura bade.
~ Maxaanaan dura badee, arreedaan tura
bade!
~ Doqnichi dura badee, arjichi tura bade.
* Ilmi namaa sadi!
~ Tokko kan abbaa caalu
~ Tokko kan abbaa dhaalu
~ Tokko kan abbaa dhaanu
WAAQNI ILMA KASAARAAFI ABBAA
DHAANU IRRAA NU HAABARARU!
* Namni dhugaan wal-jaalatu waa sadiin
wal-jaalataan
Garaa dhaan
Onnee dhaan
Dhugaa dhaan

🥰🥰🥰👌
27/08/2026

🥰🥰🥰👌

Address

Adama, Bishoftu
Modjo

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Obsan Tuji Yaie posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share