18/08/2022
Maqoota gatii hin qabne irratti wal hin qabiinaa, dorgommee “dirijjitii” dhiisaa. Akka qabuun ta’utti wal’aansoo amantii cimsaa qabaa. Maqaa maqoota caalu Maqaa Yesuus tu ga’aa dha.
………Waaqayyo isaan kana irraa dhimma hin qabu. Kan inni beeku
ykn
ykn
👇
Maat. 28:19 “……saba hundumaa koo godhaa!”
👇
HoE. 13:48 “……..warri mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman hundinuu ta'an” Hub. Kiritiyaanota ykn Pheenxota ta’an hin jedhu.
👇
1Phex.2:9 “Isin garuu qomoo fo'amaa dha, mana mootummaa ti, saba 'aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta'anii dha.” Hub. Amantoonni Hundumtuu Luboota. (Qeesota hin jenne)
👇
Yoh.20:17 Yesus immoo, “Ana hin qabin! Ani amma iyyuu gara abbaatti ol hin baane; gara dhaqii, ‘Ani gara abbaa kootii fi abbaa keessaniitti, gara Waaqayyo kootii fi Waaqayyo keessaniitti ol nan ba'a’ jedhii isaanitti anaaf himi!” jedhee ishee abboome
👇
Hub. HoE. 11:26 irratti “……Bartoonni jalqaba duraa “ ” jedhamanii waamaman” kan jedhu jira. Sana Waaqayyotu ittiin jedhe miti ykn isaantu nuyi jedhamna jedhan miti. Namoota warra kaantu ittiin arii’achuuf akka isaaniif mijatutti maqaa itti moggaasan. Fkn. Biyyi ykn Mootummaan tokko garee tokko yoo jibbe maqaa itti moggaasee shororkeessaa godhee akkuma mancaasu jechuu dha.
👇
Kanaafuu maqaa ittiin of jajnu ykn dhaadannu ykn Waaqayyo biratti beekamtii ittiin argannu miti.
👇
Maqaan ittiin of jajnus maqaan ittiin Waaqayyo Abbaa biratti beekamtii argannus maqaa Yesuusiin malee maqaa sirna amantaa miti.
👇
IN Short, Christianity is a religion Christ is the Saviour, the life , the way, the truth.
👇
Namootaaf yeroo wangeela dhugaa baanu “Yesuusiin simadhaa ykn fudhadhaa jenna malee Kiristiyaanummaa fudhadhaa jennaa ree?