05/07/2026
Guyyaa 28.10/2018
Kenna Tajaajila Lammummaa ijaarsa mana jireenyaa Haaroomee.
Godina shawaa Bahaa Aanaa Boosat Magaalaa Oolan citii ijarsa mana Haaroomee Harkaqalleeyyii bara 2019 gaggeeffamuuf Waajjirri Bishaanii fi Inarjii Gidina Shawaa Bahaa Dha/Taj/ Bishaan Dhugaatii fi dhangala'aa Magaalaa Doonii Warjii fi naannawa ishee waliin ta'uun ijaarsa jalqabsiisanii jiru
Kaayyooni ijaarsa mana Haaroomee hawaasa keenya harka qalleeyyii ta'aniif kan ijaaramu ta'ee lammiin hunduu mana jireenya akka qabaatu taasisuuf adeemsa itti deemamu keessa tokko jechuun kan dubbatan hog.waajjira bishaanii fi inarjii Godina Shawaa Bahaa obbo Abdusalam Muhammad yoo ta'u , Hogganaan Dha/taj/bishaan dhugaatii fi dhangala'aa magaalaa Doonii Warjii fi naannawa ishii obbo Asrat Dirribaa ijaarsa jalqabamee yeroo qabameef duratti haala qulqullina isaa eeggateen ijaarsa ibsaa xumurree kan harkaan geenyu jachuun ibsanii jiru.