Alihedar

Alihedar private

27/05/2026

Jedda tower

Akkasi jabaa ofii abbaatu jabeeffata galatoomaa
30/04/2026

Akkasi jabaa ofii abbaatu jabeeffata galatoomaa

Doktor Zubeer Husseen Zubeer jedhama. Walloo Godina Saba Oromoo Aanaa Harxummaa Fursee Ganda Hadho jedhamtutti dhalate.

Duruus tv Eebla 20/2018

Bara 1987 A.L.H tti Godina Saba Oromoo Aanaa Harxummaa Fursee Ganda Hadhootti Abbaa isaa Husseen Zubeer fi Haadha isaa Halima Hasuwwee irraa dhalate.

Barnoota isaa sadarkaa jalqabaa Mana Barumsaa Sadarkaa Tokkoffaa Qiciicotti barate. Bara 2001tti kutaa 8ffaa xumuree sadarkaa olaanaa qabachuun Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Kamisee gale. Semisteera tokkoffaa booda rakkoon maatii ulfaataan barnoota isaa gufachiisu mudate ture. Haa ta’u malee, deebi’ee barnoota isaa Mana Barumsaa Sadarkaa Lammaffaa Dawwee Booraa keessatti itti fufe. Bara 2003tti kutaa 10ffaa xumuree ammas sadarkaa olaanaa galmeesse.

Scholarship biyya Ameerikaa deemee barachuuf mana barumsaa Booraa bakka bu'uun darbee ture. garuu gaaffii salphaa tokko na gaafatan jedhe innis (adduunyaa tanarraa lafti ati tokkoffaarratti jaallattu eessa ? kitaaba adduunyaa kana irra jiran keessaa kam tokkoffaarratti jaallatta ? Deebiin isaa= Makka, Qur'aana ) jedhee deebiseef waan isaan hin gammachiisneef hin milkoofneen ture haftee jirta hin dabarre jedhaniin.

Doktor zubeer akka jedhanitti yeroo sana baay’ee gadde ture garuu gargaarsa Rabbiitiin barnoota isaa Mana Barumsaa Qophaa'inaa kamisee Keessatti barachuu itti fufe. Bara 2005tti kutaa 12ffaa xumuree Yuunivarsiitii Haromayaatti Barnoota Fayyaa ( Medicine ) eegale.
Bu'aa Bahii waggaa jahaa fi walakkaa booda, bara 2012tti Yuunivarsiitii Haromaayaa irraa eebbifamee maqaa Doktaraa (Doctor of Medicine) argate. Sana booda achumatti dorgomuudhaan barsiisaa universiitii (Lecturer) ta’ee Yuunivarsiitii Haramayaatti qacarame.

Waggaa Lamaaf Hospitaala riferaalii Hiwot Fana keessattin tajaajilaa ture.
Bara 2014tti ammoo Yuunivarsiitii Hawasaatti barnoota Speshiyalitii Lafee, buusaa fi balaa tasaa (Orthopedics, Traumatology fi Spine Surgery) barachuuf gale.

Leenjii waggaa Afur booda, bara 2018tti speshaalistii lafee fi balaa tasaa (MD, Assistant Professor of Orthopedics and Traumatology) ta'uudhaan eebbifame. (Alhamdulillah )

Duruus tv

27/04/2026
27/04/2026

Jedda tour 1km

Address

Addis Ababa

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Alihedar posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share