Walabu Construction

Walabu Construction Industrial park construction Road&Bridge construction, Construction materials production, supply Walaabun Keenya!

 #📢 ANNOUNCEMENT New Head Office, New Chapter, New Success.  WC Finfinne, July 29, 2026 - Walabu Construction Company Ha...
29/07/2026

#📢 ANNOUNCEMENT
New Head Office, New Chapter, New Success.

WC Finfinne, July 29, 2026 - Walabu Construction Company Has Moved Its Head Office Location.

Beeksisa   Maamiltoota fi Hordoftoota keenya hundaaf, Dhaabbanni Ijaarsa Walaabuu (Walabu Construction) kanaan duraa bak...
26/07/2026

Beeksisa
Maamiltoota fi Hordoftoota keenya hundaaf,
Dhaabbanni Ijaarsa Walaabuu (Walabu Construction) kanaan duraa bakki itti argama keenya “Lebu Music sefer” jedhamutti argamaa kan ture.
Yeroo ammaa kana waajjirra keenya bakka jijjiraa waan jiruuf bakki itti argama keenya “Meskel Flower hotel” fulduraa Gamoo haaraa Tulluu Ejersa irratti, ykn Gamoo Aster cinaatti argama.
Akkasumas, daandii gara “Ethio Telecom Central Warehouse” geessu, osoo achi hin ga’in, seensa daandichaa irratti argama.
Kanaafuu, maamiltoonni keenya hundi tajaajila barbaaddan hundaaf gara waajjira keenya haaraatti akka dhuftan kabajaan isin beeksisna.
Galatoomaa!
Ijaarsa Walaabuu (Walabu Construction)

NOTICE TO ALL OUR VALUED CUSTOMERS
Dear Valued Customers & followers
The Head Office of Walabu Construction was previously located in an area commonly known as “Lebu Music Sefer.”
We would like to inform you that, as our office has recently been relocated, our new office is now located in front of Meskel Flower Hotel, at the new Tulu Ejersa Building, or next to Aster Building.
Additionally, our office is located at the entrance of the road leading to Ethio Telecom Central Warehouse, before reaching the warehouse.
Therefore, we kindly inform all our valued customers to visit our new office for all the services they require.

Thank you!
Walabu Construction
For more information;
Facebook
(https://www.facebook.com/WCShCo/
[email protected]
Website www.walabuconstruction.com
Twitter
Thank you for following us.
is ours!
Facebook
Log in or sign up to view

  Walaabuu Bara Baajataa 2019tti Karoora Hojii Birr Biliyoona 6.4 ol Galmaan Gahuuf Hojii Eegale  WC Finfinne, July 15, ...
15/07/2026

Walaabuu Bara Baajataa 2019tti Karoora Hojii Birr Biliyoona 6.4 ol Galmaan Gahuuf Hojii Eegale

WC Finfinne, July 15, 2026 - Dhaabbanni Ijaarsa Walaabuu bara 2010 Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin hundaa'ee misooma bu'uuraalee misoomaa fi guddina dinagdee naannichaa cimsuuf hojii ijaarsa Waliigalaa irratti bobba'uun tajaajilaa kan ture yoo ta'u, Bara baajataa 2018 keessattis hojii Birrii biliyoona 4.4 ol karoorfatee hojjechuun raawwii %80 ol galmeessiseera.

Bara baajataa 2019 keessatti ammoo hojii Birrii biliyoona 6, miiliyoona 418, kuma 186 ol karoorfate galmaan ga'uuf hojii jalqabee jira. Karoora kana milkeessuuf hojimaata dhaabbatichaa saffisaa fi bu'a qabeessa taasisuuf qajeelfamoota hojii fooyyessuu, moojuloota ERP hojii irra jiran lafa qabsiisuu, moojuloota haaraa hojii irra oolchuu akkasumas sirna qulqullina hojii ISO hojii keessatti hiikuun hojii bal'aan gaggeeffamaa jira.

Hoji Gaggeessaan Dhaabbata Ijaarsa Walaabuu Inj. Taaddasee Diribaa bara hojii 2019 ilaalchisee dhaamsa dabarsaniin, hojjettoonni sadarkaa Biiroo Olaanaarraa kaasee hanga pirojektoota hundaatti argaman karoora dhaabbatichaa akka hojii waloo isaaniitti fudhachuun itti gaafatamummaa, amanamummaa fi hojii gareedhaan hojjechuun hojii yeroo, qulqullinaa fi baasii qusachuun xumuruu irratti xiyyeeffatanii akka hojjetan hubachiisaniiru. Karoora Birrii biliyoona 6.418 ol ta'e milkeessuun bu'a qabeessummaa dabaluufi dorgomaa cimaa ta'uun mootummaa fi uummataaf bu'aa qabatamaa fiduu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsuun, hojii hunda keessatti bu'a qabeessummaa, iftoominaafi itti gaafatamummaan hojjechuun murteessaa ta'uufi
galma gahiinsa karoorichaaf hunduu cimee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru.

= = = = = = = = =
For more information; Facebook (https://www.facebook.com/WCShCo/ [email protected] Website www.walabuconstruction.com Twitter Thank you for following us. is ours! Facebook Log in or sign up to view See posts, photos and more on Facebook.

02/06/2026
Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Marti Baga Ayyaana Iid Al- Adaha (Arafaa) kan bara 1447 (2026)’n nagaan geessan! Ijaarsa W...
26/05/2026

Hordoftoonni Amantaa Islaamaa Marti Baga Ayyaana Iid Al- Adaha (Arafaa) kan bara 1447 (2026)’n nagaan geessan! Ijaarsa Walaabuu

WC Finfinne, May 26, 2026 – Ayyaanni Arafaa Ayyaana aarsaa jedhamuun hordoftoota amantichaa biratti beekama. Ayyaanni Iid Al Adahaa /Arafaaa akka Rabbi Guddaan Qur'aana keessatti dubbateen Nabi Ibraahiim ejjannoo inni amantaa isaa irratti qabu qoruuf ilmasaa Ismaa'eel umrii manguddummaan argate aarsaaf akka dhiyeessuuf gaafatame.Nabi Ibiraahimi ajaja Rabbiif hayyamamaa ta'uun osoo hin didiin, mamii tokko malee ilmasaa tokkicha rabbii isaaf kenne. Ilmasaa akka malee jaalatu Isimaa’eliin aarsaaf qopheesse.

Nabi Ibraahimis kana gochuuf yoo gara Gaara Arafaatti ol baasu Rabbiin abbaan raahmataa hoolaa qalmaa bakka buusuun Ismaa'eel osoo aarsaa hin ta’in isaan lachuu du'arraa oolche. Nutiis bakka jirruutti walii ajajamnee, Amanamummaa dhugaa kana qabannee waan dhugaa hojjechuun gahee keenya bahuu qabna.

Kanaaf, Ayyaanni Iid Al- Adaha ayyaana kabajamaa hordoftoota Amantaa Islaamaa jaalalaa fi Tokkummaan ayyaana kabajamu waan ta'eef, hordoftoonni amanticha baga nagaan Ayyaana Iid Al-Adaha nagaan geessan. Dhaabbata Ijaarsa Walaabuu.
= = = = = = =
For more information;
Facebook
(https://www.facebook.com/WCShCo/
[email protected]
Website www.walabuconstruction.com
Twitter
Thank you for following us.
is ours!
Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook

Pirojektiin Buufata Fayyaa Gololchaa Qarshii Miiliyoona 134 Oliin Ijaarame Eebbifame  WC Finfinne, May 26, 2026 – Piroje...
26/05/2026

Pirojektiin Buufata Fayyaa Gololchaa Qarshii Miiliyoona 134 Oliin Ijaarame Eebbifame

WC Finfinne, May 26, 2026 – Pirojektiin ijaarsa Buufata Fayyaa Gololchaa, dhaabbata Ijaarsaa Walaabuun ijaaramaa ture, guyyaa har’aa sirna ho’aadhaan eebbifame. Pirojektichi Biiroo Fayyaa Oromiyaa irraa qarshii miiliyoona 134 fi kuma 152 oliin kan fudhatame yoo ta’u, waliigaltee waggaa tokkoo fi ji’a lama keessatti xumuramuu kan qabu, dhaabbanni Ijaarsaa Walaabuu hojii kana yeroo ji’a saddeet keessatti qulqullina olaanaadhaan xumuruun isaa ibsameera.

Sirni eebbaa kun bakka Piroofeesar Netsaannat Warqinee Hooggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa, qondaaltonni Mootummaa Naannoo Oromiyaafi godinaalee akkasumas hawaasni naannoo argamanitti gaggeeffameera.

Piroofeesar Netsaannat Warqinee Hooggantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa ibsa kennaniin, yeroo ammaa hojii misoomaa damee fayyaa irratti hojjetamaa jiru keessaa pirojektiin Buufata Fayyaa Gololchaa kun hawaasa naannawaaf tajaajila fayyaa ammayyaa dhiyeessu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ijaarsaa Walaabuu Injinar Taaddasee Diribaafi I/A Hojii Gaggeessaa Olaanaa fi Hogganaa Damee Tajaajila Korporeetii Obbo Laggasaa Baqaanaa sirna eebbaa kana irratti argamaniiru. Dhaabbatichi fuuldurattis hojii misoomaa hawaasa fayyadan qulqullinaa fi yeroo eeggateen xumuruuf kutannoo qabaachuu ibsameera.
= = = = = = = = =
For more information;
Facebook
(https://www.facebook.com/WCShCo/
[email protected]
Website www.walabuconstruction.com
Twitter
Thank you for following us.
is ours!
Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook

Big 5 Construct Ethiopia Exhibition: Walabu Construction Concludes Successful ParticipationOCG -WC Finfinne, April 25, 2...
25/04/2026

Big 5 Construct Ethiopia Exhibition: Walabu Construction Concludes Successful Participation

OCG -WC Finfinne, April 25, 2026 – The major global construction industry exhibition, Big 5 Construct Ethiopia, which was held in Addis Ababa for three consecutive days, has concluded with strong success.

The exhibition brought together companies and professionals from the global construction industry to exchange experience, expand business opportunities, and create new partnerships. The event took place at the Addis International Convention Centre, located in the CMC area.

Walabu Construction, under Oro - Construction Group (OCG), participated in the exhibition alongside five sister companies within the group. The company focused on showcasing its work, strengthening business relationships, and sharing professional experience.

According to the company, its participation in the exhibition plays a significant role in accelerating the growth of the construction industry in Oromia and Ethiopia. It was also noted that expanding international partnerships has created broader opportunities to access new technologies and expertise.

It is expected that the outcomes of the three-day exhibition will continue to yield positive results in the future.

The Chief Executive Officer of Walabu Construction, Engineer Tadesse Diriba, participated in the event.
= = = = == = = =
For more information;
Facebook
(https://www.facebook.com/WCShCo/
[email protected]
Website www.walabuconstruction.com
Twitter
Thank you for following us.
is ours!
Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook

  Construction Participates in Day Two of Big 5 Construct Ethiopia ExhibitionOCG – WC, Finfinne, April 24, 2026 – Walabu...
24/04/2026

Construction Participates in Day Two of Big 5 Construct Ethiopia Exhibition

OCG – WC, Finfinne, April 24, 2026 – Walabu Construction is currently participating in the Big 5 Construct Ethiopia exhibition, which is being held at the Addis International Convention Centre in the CMC area of Addis Ababa, on its second day.

  Construction Participates in Big 5 Construct Ethiopia ExhibitionOCG -WC Finfinne, April 23, 2026 – Walabu Construction...
23/04/2026

Construction Participates in Big 5 Construct Ethiopia Exhibition

OCG -WC Finfinne, April 23, 2026 – Walabu Construction is participating in the Big 5 Construct Ethiopia, currently taking place at the Addis International Convention Centre.
The exhibition brings together more than 10,000 Ethiopian construction industry professionals and over 180 exhibitors from more than 20 countries, showcasing new products, technologies, and solutions in the construction sector.

Walabu Construction, a member of the Oro Construction Group, is taking part in the event to strengthen collaboration opportunities and expand its market presence.

The exhibition focuses on the impact of collaboration in driving the growth of the construction industry in Ethiopia and will run for three days.

= = = = = = = = = = =
For more information; Facebook (https://www.facebook.com/WCShCo/ [email protected] Website www.walabuconstruction.com Twitter Thank you for following us. is ours! Facebook Log in or sign up to view See posts, photos and more on Facebook.

  Yaadannoo ayyaana du'aa ka'uu Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isiin gahe!WC Finfinne, April 11, 2026 - Hojii Gaggeessaan I...
11/04/2026

Yaadannoo ayyaana du'aa ka'uu Gooftaa Yesuus Kiristoosiin isiin gahe!

WC Finfinne, April 11, 2026 - Hojii Gaggeessaan Ijaarsa Walaabuu, Inj. Taaddasee Diribaa, hordoftoota amantii Kiristaanaa maraan baga Ayyaana Faasikaa geessan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Ergaa isaanii keessatti, misiraachoo du’aa ka’uu Gooftaa Yesuus Kiristoos ilaalchisee, “Baga ayyaana du’aa ka’uu Gooftaa keenyaa isin gahe, nu gahe” jechuun hawwii isaanii ibsaniiru.

Yesuus Kiristoos jaalala dhala namaaf qabu, gatii lubbuu kaffaluun hojiin agarsiise; gara laafummaa, jaalala, ajajamuudhaan agarsiiseera. Kanaaf, nutiis fakkeenyummaa dhugaa kana fudhannee ittiin jiraachuun, Nama akka keenyaa kabajuun bakka jirruutti amanamummaan hojii keenya hojjennee dhaabbataafi biyya keenya haa guddifnu, jedhaniiru.

Akkasumas, Ijaarsi Walabuu imala misoomaa biyyaa saffisiisuuf hojii bu’uuraalee misoomaa fi pirojektoota gurguddoo irratti ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Dabalataan, yeroo ayyaanaa kanaatti harka qalleeyyii bira dhaabbachuun, walii qooduun ayyaanicha kabajuu akka qabnu dhaamaniiru.

Ayyaana Gaarii!
Waaqayyoo gama hundumaan isin haa Eebbisuu
Inj. Taaddasee Diribaa
Hojii Gaggeessaa IW
Finfinnee
= = = = = = = =
For more information;
Facebook
(https://www.facebook.com/WCShCo/
[email protected]
Website www.walabuconstruction.com
Twitter
Thank you for following us.
is ours!
Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook

Address

Addis Ababa
NA

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Walabu Construction posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share