Kolleejjii BLTO Bachoo

Directions

Kolleejjii BLTO  Bachoo Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Kolleejjii BLTO Bachoo, Science, Technology & Engineering, Baccio.

Waggoottan shanan darban haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojiii uumuurratti taasifameen biyya keessaafi biyya...
02/09/2026

Waggoottan shanan darban haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojiii uumuurratti taasifameen biyya keessaafi biyya alaatti lammiilee miliyoona 20.7 oliif carraan hojii uumamuu Ministeera Hojiifi Ogummaa beeksise.

Hagayya 27, 2018 (Komn.BCHUOO)- Ministeerri Hojiifi Ogummaa raawwii hojii misoomaafi haaromsa waggoottan shanan darbanii Hoggantootaafi raawwattoota damichaa naannolee hundaa bakka argamanitti gamaggamaa jira.

Haaromsa caasaa, imaammataafi sirna carraa hojii uumuu irratti waggoottan shanan darban keessatti raawwatameen lammiileen miliyoona 19 ol carraa hojii biyya keessaa argachuu, akkasumas lammiileen miliyoona 1.6 ol karaa seera qabeessa ta’een hojii biyya alaa argatanii jiraachuun ibsameera.

Carraa hojii babal’isuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa mirkaneessuufis deeggarsi maallaqaa, dhiyeessiin lafaa, bu’uuraaleen misoomaafi walitti hidhamiinsa gabaa bal'inaan dhiyaachaa turuun himameera.

Misooma ogummaa, teekinooloojiifi cehumsa diinagdee cimaa ijaaruun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf karoora ogummaan of...
24/08/2026

Misooma ogummaa, teekinooloojiifi cehumsa diinagdee cimaa ijaaruun galmoota badhaadhinaa milkeessuuf karoora ogummaan ofdanda'uu qixaan hojiirra oolchuun murteessaadha," Injinar Eebbaa Garbaa.

Hagayya 18, 2018 (Komn.BCHUOO)- Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa waltajjii gamaggama raawwii hojii bara 2018 fi marii karoora ogummaan ofdanda'uu bara 2019 irratti caasaalee isaa sadarkaan jiran waliin magaalaa Adaamaatti marii'ataa jira.

Kaayyoo waltajjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injinar Eebbaa Garbaa misooma ogummaa, teekinooloojiifi cehumsa diinagdee cimaa ijaaruun galma badhaadhina hundagaleessaa qabame milkeessuuf karoora ogummaan ofdanda'uu qixaan hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu himaniiru.

Waltajjichis gabaasa raawwii hojii bara 2018 gamaggamuun ciminaalee jiran itti fufsiisuufi hanqinaalee mudatan immoo haala ittiin maqsuun danda'amurratti bal'inaan marii'achuuf, akkasumas karoora ogummaan ofdanda'uu bara 2019 irratti hubannoon walfakkaataan akka uumamu taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Biiroon Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa ilaalcha ogummaa'uu irratti jiru jijjiiruufi aadaa hojii fooyyessuun fayyadamummaa lammiilee roga hundaan mirkaneessuufi bu'aqabeessummaa intarpiraayizootaa guddisuuf dokumentii sosochii qopheessaa turuu ibsaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaas gaaffilee gurguddoo: qabeenya uumamaafi humna namaa bal'aa qabnu akkamitti diinagdeetti jijjiiruu dandeenya? sababoonni hojiidhabdummaa maal akka ta'aniifi akkamiittis xiqqeessuun danda'ama?, paakeejiiwwan deeggarsaa hojiibarbaaddotaaf dhiyaataa jiran maal akka ta'aniifi gama kanaan maal yoo jijjiirre fayyadamummaa intarpiraayizoota keenyaa mirkaneessuu dandeenya? barbaachisummaa misooma ogummaa hammam beeknee hogganaa jirra? hawwaasa keenyas hagam hubachiifne?dhimmoota jedhan bal'inaan kaasuun irratti marii'achuudhaan galtee karoora hojii bara 2019 taasifachuuf hirmaannaa ho'aa taasisuu akka qaban injinar Eebbaan kallattii kaa'aniiru.

Oomisha Gaagura Ammayyaa*****Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachootti Omishni Gaagura Ammayyaa Waldaa IMX Ismaa'eel, Mubar...
18/07/2026

Oomisha Gaagura Ammayyaa
*****
Godina Iluu Abbaa Boor Aanaa Bachootti Omishni Gaagura Ammayyaa Waldaa IMX Ismaa'eel, Mubarek fi H/Isaaniin mooraa Kolleejjii BLTO Bachoo keessatti Oomishamaa jiru haala suuraa irratti argitan kana fakkaata.

Inisheetivii mootummaan Naannoo Oromiyaa, Oromiyaa Galaana Dammaa taasisuuf hojjeettamaa jiru milkeessuuf Aanaa Bachootti Waldaalee IMX lama Oomisha Gaagura Ammayyaa irratti bobba'anii kan Jiran yeroo ta'u Isaan keessa waldaan IMX armaan olitti eerameen kun oomishee xumuramee gabaaf kan dhiyaate ta'uu isaa waldicha irraa odeeffanneerra.

07/07/2026
13/06/2026
Injinar Eebbaa Garbaa Hoogganaa Biiroo CHUO Oromiyaa Mallattoo Filannoo Paartii Badhaadhina Bakka hooggansi fi raawwatto...
19/02/2026

Injinar Eebbaa Garbaa Hoogganaa Biiroo CHUO Oromiyaa Mallattoo Filannoo Paartii Badhaadhina Bakka hooggansi fi raawwattootni CHUO Oromiyaa jiran beeksisan.

"Itoophiyaa gara biyya fakkeenyummaatti!"

Guraandhala 12, 2018 (Komn.BCHUOO)- Miseensota paartii badhaadhinaa gamtaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaaf leenjiin dandeettii raawwachisummaa cimsu kennamaa jira.

Kaayyoo leenjichaa kan ibsan Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa injiner Eebbaa Garbaa, leenjichi dandeettii raawwachiisummaa hojjettoota biirichaa cimsuun filannoon biyyaalessaa marsaa 7ffaa karaa nagaa, bilisaafi haqaqabeessa ta'een gaggeessuun sirna dimokiraasii biyya keenyaa sadarkaa ol'aanaatti ceesisuuf sochii taasifamu akka milkeessan taasisuurratti kan xiyyeeffate ta'uu ibsaniiru.

Leenjichis matadureewwan seeraafi tarsiimoo filannoo, filannoofi dimokiraasummaa, akkasumas tarsiimoo raawwii hojii miidiyaafi kominikeeshinii filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa irratti kennamaa kan jiru yoota'u, leenjichis konfiraansii kurmaana 2ffaa gamtaa paartii badhaadhinaa Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Oromiyaa gaggeessuun kan gudunfamu ta'uun ibsameera.

Hirmaattonni leenjichaas filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaa barana gaggeeffamu keessatti qooda isaanirraa eegamu bahachuun sochii mootummaa ummata biratti fudhatamummaa qabu hundeessuuun imala badhaadhinaa eegalame dhugoomsuuf taasifamu milkeessuudhaaf kutannoo qabaachuu himaniiru.

21/01/2026

Address

Baccio

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Kolleejjii BLTO Bachoo posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Shortcuts

Share