AWOL AHMED KEDIR

Directions Website Contact the business

AWOL AHMED KEDIR Lammii lammiif tolu

23/09/2026

Watch, follow, and discover more trending content.

23/09/2026
16/09/2026
KUTAA 2FFA:  BINEENSOTA SOBIITTAA(Roophii/ Hippopotamus) FI IMIMMAAN NAACHAA (🦛fi🐊)(Amaloota hiriyyootaati kunis)MATA DU...
23/08/2026

KUTAA 2FFA: BINEENSOTA SOBIITTAA(Roophii/ Hippopotamus) FI IMIMMAAN NAACHAA (🦛fi🐊)
(Amaloota hiriyyootaati kunis)
MATA DUREE: WARAABESSA, SAREE SODAATAA FI IMIMMAAN SOBAA
🐍 Kutaa 1ffa keessatti amala hiriyoota sobaa tokko tokko ilaalleerra. Har'a immoo isaan kanneen madaa kee irratti soogidda firfirsan fi rakkoo kee akka gabaatti ilaalan wajjin wal-fagessina.
Barreessaan beekamaan Walter Winchell akka jedhutti: A real friend is one who walks in when the rest of the world walks out." (Hiriyyaan dhugaan nama yeroo addunyaan hundi si dhiistee baatu, gara keetti seenuudha.)
Amala hiriyoota sobaa itti fufinsaan:
🐕 1. Saree Sodaataa — Kan yeroo rakkoo sirraa dheessu Yeroo ati gammaddutti si bira jira, yeroo milkooftu siif harka rukuta. Garuu yeroo bubbeen rakkoo ka’u, inni karaa biraa qajeeleera. Hiriyummaan isaa akkuma gaaddisa aduu ti: aduun yoo jiraate si duukaa bu’a; dukkanni yoo dhufe garuu gaaddisni illee si dhiisee bada.
🐺 2. Waraabessa — Kan rakkoo kee irraa nyaatu Ati yeroo kufte, inni gara kee fiiga; garuu si kaasuuuf miti—waan kufaatii kee keessaa argatu barbaaduuf. Ati yeroo madaa’te, inni madaa kee irratti quba kaa’ee dhiiga isaa keessaa bu’aa barbaada. Rakkoon kee isaaf carraa fi gabaa isaatı.
🐊 3. Naacha :- Kan yeroo ati boo’u imimmaan sobaa dhangalaasu Namoonni tokko tokko yeroo ati rakkoo keessa jirtu si bira dhufanii, "Yaa obboleessa koo, baay’een siif gadda..." jedhu. Fuula isaanii irratti imimmaan fakkaatu ni argita. Garuu yeroo ati duubatti deebitee ilaaltu, rakkoo kee sana namoota biraatti gabaasaa fi ittiin bashannanaa jiru. Imimmaan isaa soba, gaddi isaas soba!
🐍 4. Bofa — Fuula lamaan qabu Fuula kee duratti siif kolfaa, dugda kee duubaan si irratti dubbata. Fuula kee duratti "milkaa’i" jedha; yeroo ati milkooftu garuu qalbiin isaa "maaliif inni?" jedhee gubata.
💡 Kutaa dhumataa (Kutaa 3ffa) irratti "Hiriyyaan Dhugaan Eessa Jira?" fi Furmaata Amantaa Qalbii ilaalla. Nu hordofaa!

Akkam jirtu hordoftoota koo dhugaa nama heddu bira jiru taajjabee waraqaa fi qalama waliin gahe mee copha peennaa kooti ...
20/08/2026

Akkam jirtu hordoftoota koo dhugaa nama heddu bira jiru taajjabee waraqaa fi qalama waliin gahe mee copha peennaa kooti kana isin hoo akkamitti ilaaltu yaada keessan bahaa.kutaa saditti waan qoodamee barraaheef obsaan waliin gahaa wal hin dhoksinaa isiniin jedha.

# # 1FFA: HIRRIYYAAN AMALA BINEENSAA UFFATE EENYU?
UFFATA NAMUMMAA KEESSATTI BINAENSA DHOKATE!
Jireenyi keenya kitaaba guddaa dha. Fuulli tokko gammachuu, fuulli biraa immoo gadda; fuulli tokko hiriyummaa dhugaa, fuulli biraa immoo fuula sobaa agarsiisa. Yeroo ati ifa keessa jirtu namni si bira dhaabbatu baay’ee dha; garuu yeroo dukkana keessa seentu, eenyu akka ibsaa, eenyu akka gaaddisa, eenyu immoo akka dukkana ta’e achitti beekama.
Akkuma hayyuun beekamaan C.S. Lewis jedhe: False friendship, like the ivy, decays and ruins the walls it embraces; but true friendship gives new life and animation to the object it supports." (Hiriyummaan sobaa akka harangamaati, qabatee manicha diiga; hiriyummaan dhugaan garuu jireenya haaraya itti horati.)
Amala isaanii irraa ka’uun, hiriyoota sobaa bineensota akkanaatti fakkeessuu dandeenya:
🐆 1. Qeerransa — Kan si waliin jiraatee si nyaatu Qeerransi yeroo tokko tokko si bira deemaa fakkaata; garuu yeroo ilkaan isaa agarsiisu, ati eenyu akka of bira qabaa turte ni hubatta. Hiriyyaan akkanaa si bira taa’ee iccitii kee sassaaba, dadhabina kee qorata. Ati balbala onnee kee isaaf banta, inni garuu mana kee keessaa meeshaa ittiin mana sana diigu barbaada.
🐒 2. Jaldeessa — Kan dabarsee diinaaf si kennu Jecha ati amantaa guddaan gurra isaatti himte, gabaa oduu godhee diina kee bira geessa. Fuula kee duratti "Ani siifan jira" jedha; dugda kee duubaan garuu iccitii kee waraana ittiin si rukutuuf diinaaf dabarsa. Nama akkanaa irraa diina kee caalaa of eegi!
🌉 3. Riqicha — Kan bu’aa qofaa si barbaadu Riqichi laga ceesisuuf namaaf barbaachisa. Yeroo ati gama biraa geesse garuu riqicha sana irra deebi’anii yaaduun siif hin barbaachisu. Hiriyyaan akkanaas akkuma sana—yeroo ati faayidaa, maallaqa, ykn aangoo qabdu si biraa hin ka’u. Guyyaa faayidaan kee dhumate garuu, ati nama ta’uu kee illee irraanfata.
💡 Itti fufa... Kutaa 2ffa irratti amala hiriyoota sobaa kanneen hafani fi dhugaa jireenyaa kan biraa walin ilaalla! ......... # # # #

Address

Bale
Robe
NEWBUSSTATION

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when AWOL AHMED KEDIR posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to AWOL AHMED KEDIR:

Shortcuts

Share