Ifa Tola

Ifa Tola A good page Political organization

18/03/2017

Geerarsaa
xixiixaa kooraa muka abban dhaabee hin jaalatu
Ilmaa xiixee guddaatee abbaan dhaalchee hin jaalatu
Sii muruu ree yaa qobboo yaa qobboo afaan karra
sii furuu ree yaa Oromo yaa Oromo afaan damma
caakaa Jibaati walaakkaa Birbirsaa gudda jira iddaa ttu marsee malee
Garaa Qeerroo walaakkaa onnee dhira ttu jira diina rakkiisee malee
lammataa qawwee hin bittu birri tokko taatullee
lammu Opdo hin amanuu firra kankoo taatullee
Sabona amantee hin dhabuu Majjoo Baqoo taatullee
gatirra muka sillkii kani barritti oodeesituu
naa dhukkubee garaan koo kani haarin boobeesituu
Hedda dhaaladhee hin teenyee
lafa garaa koo hin geenyee
jiduu kana qurquurra
akka masii gurguurra
irraa gaddee tookkosee jajabaa seene laata
mirgaa malee fookoreen tajabaa seene laata
Bishaan faagatee badee ooliqaa dhagaa tti galle
Soleesi hoo achii dhugaa dagaagaan maali godha ree
mirgoo faagatee badee daari Maaji too galle
Saboni achii dhaqaa Opdon maali godha ree

18/03/2017

Geerarsaa
Huurrufaa Bu'ee Kooru daljjeessa namaararee
Dinqii Malee koofaalu Qammalee namaararee
Gangaalatee tookossu sabona namaararee
Miciiramee qoolaachuu Qeerroo too namaraaree
Gara bari koorsuu weenni too namaararee
Gooljii nuugii baaleessa
Koolfii dubii baaleessa
Jechii Opdo quuftee
Jechii Waayyaanee quuftee
Biyya namaa baaleessa
Tullu namaa qaarrsissa
kuyyuu namaa dhaansissa
Mullluu namaa nyaachissa
Rakoo namaa baayiissa
Saree namaa taasissa
Biyya namaa faageessa
uddu namaa dhaabsissa(du'aa)

18/03/2017

Geerarsaa
Geerarii geerarii jedhu
Geerarii maali na goorsuu
Dhiira garaan nu hin obsuu
Hedda dhaaladhee hin teenye
Lafa garaa koo geenye
Jiduu kanani qurquurra
Akka massii gurguurra
Bona hin dheeda yaa re'ee
Gana hin dheeda yaa re'ee
Ammallee dheeda hin barree
Oli asaabda yaa qalbbii gaddi deebifta yaa garaa ammallee seeraa hin barree
Sabona bulloo shurshurraa
kachaalee buttee naa duraa
kachaaleeni wali kuudhaan
seera malee sila du'aan
Sabona koo yaa ilma turraa
Alem baqaa buttee naa dura
harka doofaa tti kuftee naa dura
harka diina tti kuftee naa dura
Sabona akkaakayyuu Nigirtii
sanyiini wani facaassan biqiltii
Oli ilaallaan fagaatee
gadi ilaallaani jabaatee
qeeransa koo yaa ilma Turree Galatee
buqqeen bara argatee
dhagaayyuu hin agaatee
Bara mitti bari eesh bara hantuuta nyaataan
Bara abjuun marrataan
Hantuuta nyaachuu maana
Abjuun marraachuu waaya
Fardoo garbu kabaalee
Baroo hin darbu kakaatee
Fardoo garbu luccisee
Baroo hin darbu rakkisee
Farda tuu garbu lixee
Bara tuu darbu didee

18/03/2017

KARA CABEE HAA YAASUU
Kara cabee haa yaasuu
Oromiyaa koo hin dhiisu
Finfinnee fi nannoo hin galakisu
Qoree dhoqqee keessa ofi hin warransissu
yooni du'ee lafa hin sileesuu
Lafti baqaqee hoodha nama hin gatuu
Opdo hirriyaa ofi hin taasissuu
Gadiddu dukana keessa ofi dubba hin buusuu
Gurra hootu ofi tti dhiyeessuu
Jarra sobduu hin akkeesuu
Lilmoon(Pendulum) kani ofi seentuu
malee Kani eeshii seenuu hin argtuu
Opdo maali yoo jedhan rifaatuu
Opdo gubba gurra hin barbaadu
Eessan garaa ofitti fi jiratuu
yoo maali eessan jedhan saalffatuu
Namna itti himu malee itti hin hidhaan
yoo goorsuu dhaqxee deebisaan sii goorsaan
yaa rabbii nuu bararii Opdo jalaa
Bilisummaa tti dhiyaanee Oromiyaa kootan gala
Sinbirii iyyitee bar'ee biyya kootan gala
Maali yoo godhan falaa
Biyyi Ormaa gabisee nama qala
Aaduun kani qara qabu nama haa muruu
Muka ofi gaddi tti muruu
Opdon garaa ofi guutu malee homa hin hawwiittii
yoo bira teesse akka arangaamaa sii buutii
Akka qoree dhoqqee keessa sii warranitii
Arrabin isaan dhanquu
ilkkee isaa dafe sii keessa hin buqa'uu
Yaa yaartuu dachee Oromo maafi garaatti gurguuratuu ?

18/03/2017

Waayyaaneen ummata Oromo irratti warrana hin mula'anee baanee
Kanaafuu
maasaan gamma lafa hin baatu talbaa facaafaata taati
tokko qootee tokko hin nyaatu walumma galafaata taati
Eemoolee yaa garbaa ciisaa
Oromiyaa maalituu gaddidhiisaa
Finfinnee maalituu gaddidhiisaa
Nannoo Finfinnee maalituu gaddidhiisaa
Afaan ofi maalituu gaddidhiisaa
Jiruu ofi maalituu gaddidhiisaa
Mana ofi maalituu gaddidhiisaa
Gadaa ofi maalituu gaddidhiisaa
Aada ofi maalituu gaddidhiisaa
Aangoo ofi maalituu gaddidhiisaa
Booleen duri qamadii magarsaa
Amma ayarii tuu irraa marsaa
Eemoolee yaa garbaa ciisaa
Waan ofi maalituu gaddidhiisaa
Biyya ofi maalituu gaddidhiisaa
Gootin Oromo diina lafa keessa gaddi dhidhimsaa

18/03/2017

Horii biyya Ormaa kani eegan gurra malee eegee mitti yoo eegee eegdee futeetti badi barbaadee hin argitu harka duwwatti haftee jechaadha .lafti oromo akka horii biyya Orma kani eegan gurra malee eegee mitti .
Amma Finfinnee fi nannoo Finfinnee kani keenya jeedhan maastar piilaan baassu fi .kuni kani ibsuu Oromiyaa keessa tti Tigray xinoo ijaaru jechaadha . kana boodee wali jalaan baali'saa deemu sana boodee Oromiyaa kenya gara = Tigray gudda tti geedaramaa . Raayaa fi Azabbooni keenya jeedhan . yoo akkanatti itti fufaan lafa oromo harka wayaa jalaattin yoo murran fudhataan .kani Oromo hafuu laftti
Oromiyaa = Kamisee .
Oli deeme gaddi deeme faani walitti meeqa jeenani ? eeshiin Ciqciiqiidha lafa geesse dhuftee himi. (kootee farda lakoofssi hin Fixuu (infinitive)
Maali fi wari tokko tokko yerroo amma maa Itoophiyaa jedhani boowuu yoo jeene maqaa Itoophiyaa ttini , kara lafa jalaatin Lafa Oromo akka barani murani murani fudhachuu fi akka wello hojaatani . Kamisse duwwa tuu hafee Oromoni otoo teenyee waaqayyoo kadhaanuu lafa hundaa nura fudhaatuu(ijoo baleessu)
Fakkeenya fi Gojjam keessa Wello keessa iddoo duri Oromon Jiratani amma har'a tti lafti maqaa Oromottin wamaama jiru , kuni Kani ibsuu waan tokko , Amaaraani bal'aa ta'aa Deemu . Oromoni xinachaa deema . hijaarani Itoophiyaa kanani dhuumma.wari Itoophiyaa hijaaruu deemnuu .
Kani wari Itoophist jeedhamani kuni hundaa caalaa hiyyaa jiru lafa Oromo KANI mii'eefatan. Ijoolleen Oromo wari Itoophiyaa jedhaani , rakkoo Sabaa Oromo tti dhufuu beekuttu irraa jira yoo Oromoni lafa malee AKKA hafani yoo barbaanee , Itoophiyaa jabeesinee hijaaruu.yoo Oromiyaani akk jabaatu fi jiraatu yaadnee, Itoophiyaa hijaaruu dhissu.
Maali fi wello biyyaa Oromo keessa Kamisse duwwaani hafee?
YOO akkanatti itti fufee ,boru fi iftaan
Kamisse Wello
Kamisse Shewa
Kamisse Welega
Kamisse kefa
Kamisse Arsii
Kamisse Baalee
Kamisse Ilu Abbaboor
Kamisse Harerge etc.
Itoophiyaa kani beeknu akka dhadhaan firra fakkaatee waaya baaleessu . Jabeenyii Itoophiyaa Saba Oromo tti baddi dha . Itoophiyaani eenyuu akka hijaaramee beekammaa dha . Itoophiyaani kuni gubbani isaa damma keessi isaa adhaa irraa tolfaamee . Hawwi keenya biyyaa ofi gudisuu Oromiyaa ,wani ofi tti quulla ka'uu. jarri turani hidaa Oromoni godaantuudha, biyyaa bira gara Madageskar dhufaan lafati sii biyyii kenya jeenani . kana boodee maali isaani wajjiini Hassa dandeenya . lafa kenya Oromiyaa gaddi hin dhiifnnu Oromon haa bilisommu diini iddi fardi irra ijaatee haa taatu

18/03/2017

Iji wali bira jirti malee wali hin argitu
Opdo ttu Oromo tti lafee kokkee keessa fi qoree dhoqqee keessa ummata Oromo tti ta'an kunoo waggaa 25 rakkisaa jiru .nuu fakkaatan nuu keessa taa'an Ijoollee Oromo mataa wali rukkuutu akka yaadin kenya tokko hin taanee (afaan wali jalaa nuu dabaarsuu) akka nama nyaachaa jaalatuu budeen dhiisu nama dubbi jaalatuu dubbi dhiisu namni bishaan booreessu otoo jiru bishaan qulquluu dhuguun rakkisaadha . garu Opdo fi Waayyaaneen bara baran nuu soosobu barana guddana bara eegeere guddana otoo jedha nuu kunoo waggaa 25 ta'ee jireenyi keenya turee bule oli hin deemu gaddi malee amma yoomitti akka obsinaa garu akkanatti itti fufu irraa hin jiru
Akka yoo liqimsitee haadha kee du'aa yoo tuftee abba kee du'aa jara lachuu qixeen jaaladha maali ni gdhaa jedhe ta'ee .
ormaatti garagaali haloofkaadhu firratti garagaali liqimsii .
Firri hin dhalata malee hin bittan kanaafuu yoomuu taanan ormii firraa hin ta'u . Daadhiin qaaloo hin qabdu lammiin yaartuu hin qabduu .
Namn harka namaattin nyaatuu hin quufuu . maali fi kani kenya yerroo hundaa hojaan dheedhii ta'a maalifi hin bilchaatuu ? Iji wali bira jirti malee wali hin argtuu. wali galteedhan akka nama tokko tti kaane haa bilisommnuu. Oromon haa bilisommu tokkummaan ilmaan Oromo haa jabaatu qabson itti fufa . diini ofaa dhagaa itti bu'ee ha taatu.garaarran daara haa taatu .

17/03/2017

Dhiirssi harree(OPDO) warrabeessa (Waayyaanee)irraa hin buusissu
Amma fe'ee yoo harreeni (OPDO) jabaa ta'ee warrabeessa(Waayyaanee) hin moo'tuu kakaadha . warrabeessa(Waayyaanee) tokko harree (OPDO) dhibbi hin moo'atuu wajjiin nyaatama malee .
Durii warrabeess gurra harree bayyee sodaata turee gaafa se'ee .Harree qalbbi eeshii xiinoodha kuni gurra malee gaafa mitti jette himtii .sana bodee warrabeess harree nyaatee .
kani OPDO sii akkumma kani harree badee . OPDO yeroo Dargii inna loolla dhaqixee sana yookani Waayyaanee ajjeessu yookani du'uu irraa jira turee . OPDO akka dhiira diina ajjeessu yookani ofifu du'uu dhiifteetti akka yaartuu harka diinati keenite .
Ijooleeni keenya isaan leencii waayyaaneetti harka hin keeninee Waayyaanee ajjeessanitti dhiirrumman du'aan malee .OPDO harka keenatetti gataataa taate .
Amma Waayyaaneen OPDO akka feete gochu dandeessi hojaa keessa har'uu , hiidhu . OPDO amma dhiirsaa harreetti yoomuu taanan Warrabeessa (waayyaanee) irraa ummata Oromoo dhowwuu hindandaawuu . OPDOn dhiirrssa harree duwwaa otoo taanee gataataa sii . Akka mii'aa ta'aan fanisaan, dhabaataan buussun namaa hin rakissu Opdo jechaani reenfaa . Oromoni hin moo'aa , diini hiddi fardii irraa hijaatee taati

17/03/2017

Maalifi Oromon gaafa quufaan ttu ayyana waggaa tti jedha?
Kunoo hedda huumnan Waayyaaneen aangoo qabatee 1/4 century oli ta'ee . yerroo kana keessa tti waan Waayyaaneen saba kenya saamee fu Oromon waan guddina kani yaadu dhiisi tti budeena nyaachun rakkoo gudda ta'ee .Oromon beelaa irraa jira . yerroo waayyaaneen biyya huumnan bulchituu budeena nyaachuun waan gudda ta'ee rakkoon Waayyaaneen huumtee kuni kani abba ajjeesse ilma tti darbuu . biyya Itoophiyaa jedhamtuu tti sirnaa Waayyaanee jalaa tti Oromon gaafa budeena nyaane quufnee akka ayyana waggaa tti lakoofna jechan umman beelaa gubba jira kanaafuu Oromon amma yoomitti Waayyaanee quubsee ofi beelaan du'aa yoollee Waayyaaneen(wari gubba) akkanatti itti fufu hawwii qabatan umman Oromo(wari jalaa ) tolee hin jedhan kuni kani ibsuu bilisummaadha qabsoo gocha jira .Waayyaaneen badu dha amma afaan fi funyaan itti dhiyaatee Oromon haa bilisommu diini daara haa taatu

17/03/2017

Maalifi Oromon qoonqon goroorra gamadii jedha?
Mootumaa Waayyaanee jalaatti waan nyaatan hin jiru kanaafuu qoonqo fi tti goroorra liqimsaan jirachuu dha jechan qoonqo ofi soban jiratu
Kunoo Waayyaaneen yerroo dura aangoo tti dhufe guyya tokko keessa yerroo saddi nyaatu jedhe turee haa ta'uu malee kunoo waggaa 25 kana keessatti guyya tti yerroo saddi nyaachuu dhiisi yerroo tokko nyaachuun rakkoo gudda waan ta'ee fi umman Oromo akka qoonqon maa waa naa laachuu didee hin jeene goroorra itti liqimsnee qoonqo kenya gamachiisaa jira jedhu . garu umman oromo halkaan guyya hojaata jiru eessa Waayyaanee fi Opdo saame ofi nyaatu kanaafuu itti toluu guddina diini Oromo waggaa tti yerroo lamma saqii geedaaratu . kani hojaatu Oromo kani nyaatu Waayyaanee fi Opdo ta'ee . Oromon qoonqo ofi goroorran sosoobee jirata . biyya aagabuu(otoo homa hin nyaanee ) bulan Waayyaaneen waan guddina nutti oodeesitti. Amma Waayyaaneen achii jirtutti guddina otoo hin taane gadaaddo beela hiyyumaa jira akka hin beelofnee dafnee dafnee goroorra itti haa liqimsnuu .amma bari darbu tti qoonqo ofi goroorran sosooban jirachuu akka qoonqon kenya nutti hin muufanee maa waa naa laachuu didee jette . .Oromon haa bilisommu diini yaa'ii bookee haa taatu

17/03/2017

SAANI GAAFA CABBII HAARITEE , GAAFA BAKAKKAA DHAALTII .
Hedda harka Waayyaaneettin - Opdon huumamitee taka Oromon bu'aa argatee hin beeku . Opdo Kani dhaabatee sii kani bu'aa fidee sii Waayyaanee duwwaa fi . Opdon ummata Oromo fakkaatee afaan Oromo dubbatee waan waayyaaneen jedhe hojaana malee gaafi tokko dhimma ummata Oromotti hojaatee hin beektuu . Opdo kani dhaaban fi dhimma Oromotti otoo hin taanee , dindillaa taatee jiru Oromo Waayyaanee saamsissu fi kana duwwaa galmaan gawwuu fi .
Kani kana ibsuu maali fi yoo jeenee ?
kani rakkoo ta'ee Opdon kani dhaabatee fi fe'a Waayyaaneetti fi malee Oromo fi mitti Kanaafuu Opdo fi umman Oromo walitti ibidda fi gaaba ta'aan akka diinatti wali ilaallu .
Kani kuni ibsuu akka Opdoni fe'aa Waayyaaneetti 100% dhaabatee
Waggaa 25 keessatti wantti Opdon ummata Oromotti fidee yoo jiratee?
BEELAA , RAKKOO DU'AA GARBUMA HIYYUMA SALPHINAA DU'AA FUNDUURRATTI YOO TA'EE WANTI OPDO IRRAA EEGNUU HIN JIRU YOO BADI TA'EE MALEE .KANAAFUU OPDON AKKA SA'AA GAAFA CABBII HAARIITEE GAAFA BAKAKKAA DHAALTUTTI . akka dhadhaan firraa fakkaatee waya baaleesse OPDONI FIRRAA FAKKAATEETTI OROMO BAALEESSITTI .
Opdo fi goftaa eeshii (Waayyaanee) buqifnee gatu nura jira .
Qabson ummata Oromo itti fufee galmaa ga'aa .Oromon haa bilisomu . diini dhadhaa ibidda bu'ee haa taatu

17/03/2017

Waaqin ciittoo(Opdo) huume qeensa(sabona Oromo) biraatti huuma
Akka beeknu ciittoon akka malee nama ooksissa kanaafuu waan ittin ooqan qabachuu barbaachiisaa yoo waan ittin ooqatan qabachuu baatan halkan guyya nama ooksisse akka malee ciittoon nama rakkisaa .
Ummata Oromo keessa otoo hundii Opdo taate Oromon qata garba ta'ee turee . akka Oromon garba hin taane yoomuu taanan garbumatti hin hafnee rabbii Oromo keessatti sabona huume jechan waan ittin ciittoo yerroo nama okksissu ooqatan jira .kuni kani ibsuu qeensi (sabona Oromo)ciittoon (Opdo) sabon kani lubbu ofittin Oromo garbuma keessa baassu Opdon kani garaa ofitti jette saba Oromo garbomsituu ergamtu diina .waaqin ciittoo(Opdo) huume akka ittin ooqatan jedhe qeensa(sabona Oromo) biraatti huume Oromon haa bilisommu diini ofaa dhagaa tti bu'ee haa taatu

Address

Moscow

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Ifa Tola posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Ifa Tola:

Share