Amiin Tajuu Liked page

Amiin Tajuu Liked page Contact information, map and directions, contact form, opening hours, services, ratings, photos, videos and announcements from Amiin Tajuu Liked page, Heating, ventilating & air conditioning service, الرياض, السعودية, Riyadh.

Aaammiin
04/08/2024

Aaammiin

04/08/2024
Dubbisaa
22/10/2020

Dubbisaa

Mootummaa Shanan Gibee...
Kutaa 2ffaa
::::::::::::::::::::::::::::::::::::::
Biyyii Jimmaa jedhamu maqaa kana kan argatee maqaa gosaa Oromoo maccaa kannarraayi jedhama.Mootummaan shanan gibee dhuman jaarraa 17ffaa keessa hundeeffamee sirna gadaan hogganamuu ykn immoo buluu jalqabe.Xumura jaarraa kanarraa kaasee mootummaan shanan gibee hunda’e. Mootummaan shanan gibee jedhamuun kan beekamanu Limmuu Innaariyaa, Gumaay,Gommaa, Jimmaa fi Geeraa dha.
1. Limmuu Innaariyaa
Seenaa mootummaan shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa mootummaa shanan gibee isa angafaa fi isa jalqabaati. Seenaa namoota sirna mootummaa shanan gibee keessatti Limmuu Innaariyaa bulchan keessaa Buufoo Buukoo isa jalqabaatti. Buufoo Buukoon naannoo Kibba-lixaa limmuutti bakka Sayee jedhamuu jirataa ture.
Buufoo Buukootti aansee immoo mootii Abbaa Gommool Limmuu bulchuu jalqaban, mootiin Abbaa Gammoo1 daangaa liimmuu murteessuun limmuun of-dandeessee akka hundeefotu gochuun mootii cimaa turan jedhama.Abbaa Gommool immoo ilmaa/mucaa isaanii Abbaa Boggiibootti/Ibsaa/akka dabarsaan seenaan ni ibsa.Abbaan Bogiboos seena Limmuu keessatti nageenya buusuudhaan mootii bayyee beekamoo dha.
2. Guumaay
Naannoo shanan gibeettii, seenaa mootummaan shanan gibee keessatti limmuuttii aansee mootummaa lammaffaa kan hundeeffatee Gumaay .wiirtuun bulchiinsaa Gumaay jaaraa 18ffaan dura haa hunde ¬hundeeffamuus ifatti bahe kan mirkanaa’ee bara 1802 tti.
Jiilchaan ciiraa teessoo mootummaa isaa ciiraa godhate bulchu egale.Jiilchaan immoo teessoo isaa ciiraa godhate erga bulchu jalqabe booda, angoo isaa ilma isaa Oncheetti dabarsee kennee. Oncheen bara bulchiinsa isaa keessatti jabeenyaa isaatiin beekama ture Oncheen waraanaarratti bayyee cimaa fi sodaatamaa ture. Badii xiqqoodhaan tarkaanfii du’aa fudhata ture. Yeroo baayyee Gumaay jagnummaadhaan yaadatamas, beekamas,
3. Gommaa
Gommaan seenaa mootummaa shanan gibee keessatti mootummaa sadarkaa sadaffaan hundeeffamedha.
Bara kana keessa yeroo jalqabatiif amantiin Muslimaa amantii ummataa Gommaa hunda ta’e kan fudhatame.Naannoo Gomamatti jalqaba mootiin gosoota saglaniin filataman mootii Abbaa Bokkoo/okkee/ti.Yeroo mootiin abbaa Bokkoo du’aan ilmii isaanii abbaan Mannoo bakka bu’ani bulchuu jalqaban /1820-1840/ abbaan Mannoo mootii jalqabaa amantii Muslimaa Gommaatti seensisani dha.
4. Jimmaa
Bulchiinsa mootummaa Jimmaa jedhamu keessatti gosa Diggoo jedhamtuu yeroo jalqabaaf Maannaa keessatti kanqubate.Gosti Badii Foollaa keessatti naannoo Saqqaa keessa qubatan. Gosti Harsuu Dedoo keessa, Gosti Laaloo naannoo jireenii fi kan hafanis immoo naannoo Jimmaatti qubatan. Yeroo dheeraan booda jaarraa 18ffaa keessa gosooni Jimmaa keessatti argaman hundi babal’ata kan dhufan yemmuu ta’an, gosoota kanneen keessaa gosti Diggoo fi Badiin gosoota cima ta’anii beekaman.
Haa ta’uu malee jaarraa kana keessa gosoonnii saglan naannoo Jimmaa keessa jiranu bakka Ganjii jedhamutti walitti qabamanii gosa Diggoo keessaa mootummaa hundeessan.Mootiin jalqabaa Jimmaas Abbaa Faaroo/gaangillee Koobii/ filataman. Abbaan Faaroo erga filamanii booda bakka mijahaa filatanii teessoo isaanii Jireen irra godhatanii mana mootummaan keessa jiratuu Masaraa kan jedhamu ijaarsiisan. Masaraa kana keessattis mana murtii hundeessan.
Mootiin Jimmaa jalqaba mootiin Abbaa Faaroo erga du’anii ilma isaanii Abbaa Magaaltu bakka bu’anii mootummaa fudhatani bulchuu jalqaban. Seenaa mootummaa Jimmaa keessatti gosa Badii jedhamuu bittimsanii facaasanii ari’un kan beekaman mootiin Abbaa Magaal. Ummannii mootii Abbaa Magaal ummata baay’ee walii galuu fi hariiroo gaarii qabuu waan tureef haala salphaadhaan bakka hirmaataa jedhamu gosa Badii harkaa fudhatanii akka wiirtuu daldalaatti fayyadama turan.
Yeroo dheeraan booda mootiin abbaa Magaal duunaan/darbinan/ ilmii isaanii Sannaan mootummaa fudhatan.Sannaan maqaa ijoollummaa mootii Abbaa Jifaar. Mootiin Abbaa Jifaar mootii yeroo jalqabaatiif bulchiinsa mootummaa shanan gibee keessaatti mootummaan cimaa, seera-qabeessa fi qinda’aa ta’e hundeessuun kan beekamanuu dha.
Abbaan Jifaar bulchaawwan mootummaa shanan gibee keessaa wantoota adda isaan taasisuu hedduu qabu. Abbaa Jifaar beekumsa qabachuu isaaniitiin, wal-qunnamtii biyya alaati wajjiin gochuun danda’uu isaanii mala/toofta/ danda’uu isaaniitii kan adda isaan taasisuu yemmuu ta’an, bulchiinsa/hoggansa siyaasaa fi dirree waraanaatiif kennaa addaa qabu jedhama.
Kana malees, amantii Muslimaatiif xiyyeeffannoo guddaa kennaniif ayidi’oolojii amantaatiis ni fayyadamu. Amantii muslimaa naannoo Jimmaatti yeroo bulchiinsaa abbaa Jifar keessatti lafa qabate ykn babal’ate.
Naannoo bara 1847 keessa bulchiinsii Jimmaa Abbaa Jifaar seena Oromoo keessatiis ta’ee seenaa Itoophiyaa keessatti kan bayyee beekamee fi ummannii isaa kan wali-galtee qabuu fi bulchiinsa dinqisiifamaa akka ture seenaan ifatti barreeffame jira.
Keessumattuu dinagdee, dippiloomaasii fi sooressuummaadhaan beekamaa dha. Dhuma irratti mootummaan shanan gibee jedhamuun kan waamamaa turan hundi isaanii bulchiinsa wiirtuu tokkoo irraa kennamuun ogganamaa turan. Magaallii teessoo mootummaa Abbaa Jifaarii fi wiirtuu daldalaa ta’uun bara 1822 hundoftee magaala Jimmaa ta’uudhaan hanga hadhaattii tajaajilaa jirti.
Geeraa
Naannoo Geeraa bulchaa kan turan haayyuu waraanaa kan ta’an nama Gunjii jedhamanii dha. Egaa mootiin Gunjii du’anii booda ilmi isaanii Tuulluu Gunjii bara 1827 keessa angoo qabatee bulchuu egale.
Biyyootni mootummaa Geeraa daangeessan bahan Jimmaa, lixaan Kafaa, kabana Gommaa fi Guumaa yemmuu ta’an kibbaan laga Gojobiin daangeefama.Mootii Tuulluu biyyoota olla isaanii wajjiin rakkina waan qabaniif obbooleessi isaanii Abbaan Baasoo bakka bu’anii ummata Geeraa bulchaa turan.Mootummaan Geeraa bulchiinsa mootummaa shanan gibee keessatti mootummaa boodarraa hundeeffame akka ta’e seenaa mootummaan shanan gibee keessatti ibsameera.
Walumaagalatti waa’ee seenaa mootummaa shanan gibee yoo gadi fageenyaan ilaalle waan bal’atuu maxxanfama hata’u mlee barulee Bunaa fi Nagaa kanaan gabaabinaan waan gabaabaa akka ka’umsaatti fayyadamuu dandeessuu.
Odeeffannoon kan WDhKMG Jimmaati
Hooraa bulaa !!

Maashaallaah jiruu baadiyya baaye bareeda
03/09/2020

Maashaallaah jiruu baadiyya baaye bareeda

30/07/2020
26/07/2020

Yaa rabbi muuslima mara bakka kana dhabi

26/07/2020

Jirtuu

Address

الرياض, السعودية
Riyadh
12211

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Amiin Tajuu Liked page posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Share