Asu &Mame Show

Asu &Mame Show www.facebook.com
Mohammed Xayyib Mohammed Ahammed Alii Siree Horoo Raaree Gobbaa Gaadullaa Badheeysoo Ituu Morawwaa
Ilma Bareentoo

15/04/2024

Ka na arrabse irra kan ka naaf himeetu na daffare!

Ebla 15: Baga Guyyaa Yaadannoo Irbuu Shiniggaa geessan!
15/04/2024

Ebla 15: Baga Guyyaa Yaadannoo Irbuu Shiniggaa geessan!

đź’Ą Vacation time đź’Ąđź’Ą
15/04/2024

đź’Ą Vacation time đź’Ąđź’Ą

Seenaan Guyyaa Gootota Oromoo Maali? Gootoonni Qabsoo Oromoo keessatti wareegama lubbuutiin tokkummaa Oromoo itichan een...
15/04/2024

Seenaan Guyyaa Gootota Oromoo Maali? Gootoonni Qabsoo Oromoo keessatti wareegama lubbuutiin tokkummaa Oromoo itichan eenyu fa'a? Guyyaan kun yoom irraa yaadatamuu jalqabe? Akkamitti yaadatama?

Yaadannoon Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15 waggaa 39ffaan har'a ummata Oromootiin kabajamaa jira.

Warraaqsa bara 1960moota booda qabsoo Oromoo bifa fafacaateen adeemsifamaa turte roga qabsiisuu fi mirga hiree murteeffannaa ummata Oromoo mirkaneessu, tiksuu fi eeguu, mirga waloo beekamtii addunyaa argate ummata isaatiif dhugoomsuuf Addi Bilisummaa Oromoo hundeeffame.

Ummanni Oromoo Mirgaa fi qabeenya, hawaasummaa fi aadaa, dinagdee fi siyaasaa, abbaa biyyummaa fi eenyummaa dhuma jaarraa 19ffaa mootummaa gabroomfataa Itoophiyaatiin saamame deebifachuuf qabsoo gitaa taasisuu jalqabe.

Qabsoon qindoomina qabu, kan Oromoo hunda hammatee, kan kaayyoon isaa Oromiyaa walaboomsuu ta'ee fi mul’anni isaa Oromiyaa biramadoomte arguu ta'e, bara 1973 hundeeffamuu Adda Bilisummaa Oromootiin eegale.

ABOn bara 1973 hundeeffamee Sagantaan Siyaasaa isaa bara 1974 barraa’uun bara 1976 ragga’ee hojii irra ooluu eegale.

Dhaabichi kan qabsaa’uuf, bilisummaa fi dimookraasii ummanni Oromoo armaan dura sirna gita bittootaatiin sarbame deebisee argamsiisuu, birmadummaa fi gaaffii abbaa biyyummaa ummata Oromoo mirkaneessuufi.

Gootonni Oromoo kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo jala hiriiruun eenyummaa Oromoo deebisani jiraachisuu fi ijaaruuf sabboonummaa sabummaa irratti hojii bal'aa hojjatan.

Bara 1974 sochii barattootaa “lafti qotee bulaaf” jedhuun mootummaan fiwudaaliziimii kufus cunqursaan gita bittoota Itoophiyaa karaa biraatiin itti fufe.

Gootonni Oromoo haala kanaan qabsoo hidhannoo, Dippiloomaasii, Siyaasaa fi Uummata Oromoo dammaqsuu irratti jabinaan hojjetaa turan.

Bara 1977/78 keessa Dargiin dhaabota akka Ihaappaa magaalaadhaa baasee, Ma'isoo's bittinneessuu hordofee xiyyeeffannaa isaa gara hundeessitoota ABO yoo naannessu, hoogganoonni dhaabichaa hunduu magaala dheessanii bosonatti galan.

Mootummaan Dargii humna ABO kan reef ijaaramaa jiru dhabamsiisuuf duula wal-irraa hin citne itti bobbaasee lola jabaa ABO waliin geeggessaa ture.

Waraanni Bilisummaa Oromoo Baalee, Arsii fi Harargee keessatti duula kana of irraa deebisuuf lola ciccimaatti seene.

Bara sana haalli jiru ulfaataa waan tureef qunnamtiin Waraana Bilisummaa Oromoo addaan citee waraanichi ni faca'a yaaddoon jedhu guddaa ture.

Haa ta'u malee Waraanni Bilisummaa Oromoo duula mootummaa Dargii qolachuun Amajjii 1 bara 1980 walitti dhufuun Ayyaana guddaa ayyaanefate.

Hoogganoonni ABO biyya keessa fi alaa injifannoo gama waraanaatiin argame gama siyaasaatiinis itti fufsiisuuf, wajjiirri ABO Somaaliyaa Moqaadishootti akka banamu taasifame.

Hoogganoonni biyya keessa hiree tanatti fayyadamuun bara 1980 walitti dhufani hojii dippiloomaasiitiin jilli hayyu duree ABO Magarsaa Barii, Itti aanaa isaa Gadaa Gammadaa, Abbaa Xiiqii (Abboomaa Mitikkuu), Doorii Barii (Yiggazuu Bantii), Falmataa/Umar Caccabsaa, Faafam Dooyyoo, Irra aanaa Qacalee (Dhinsaa), Dhaddachoo Booruu, Dhaddachoo Mullataa, Marii Galaan of keessaa qabu gara Somaaliyaa imale.

Hoogganoonni ABO galfata qabsoo fuudhani qabsoo bilisummaa Oromootiif biyya bahan bakka imala isaanii osoo hin gahin loltoota mootummaa Ziyaad Barreetiin bakka Shinniggaa jedhamutti qabamuun jumlaan ajjeefaman.

Waraanni Ziyaad Baarree hooggantoota ABO qabeef carraa warri Kiristaana taatan gam-tokkotti, warri Islaama taatan gama biraatti bahaa muslima dhiifnee kiristaana ajjeefnaa jedhu laatuufis gootonni kun tokkummaa Oromoo har'aa ittichuuf bakka tokkotti dhumuu filatan.

Hogganoonni ABO isaan mirga hiree murteefannaa ummata Oromootiif bosona Oromiyaa filatan, isaan kaleessa irra dhaabbatanii har'atti tokkummaa Oromoo argan, isaan guca tokkummaa Oromoo qabsiisan, "nuti Oromoo jennee baane malee kiristaanaaf muslima jennee hin baane, yoo gad nu dhiiftan wal faana nu gadhiisaa, yoo nu ajjeeftan ammoo wal faana nu ajjeessaa" jechuun akeekaa fi kaayyoo qabsoo manaa bahaniif irratti cichan aarsaa lubbuu kafalan.

Hoogganoonni dhaabichaa altokkotti akkasiin dhumachuun dukkana guddaa mooraa ABOtti fidee ture.

Waggaa tokko boodas wareegamni ulfaatan kan Shinniiggaan wal fakkaatu Dirree Dhihaatti Hogganoota ABO mudate.

Yeroos Qabsoon Hidhannoo Dirree Dhihaatti akka eegaluuf ABOn hooggana ramade.

Sagli lamas dabaree dabareen gara Ertiraatti erguun eega leenjisee booda, qabsoo hidhannoo akka eegalaniif obbo Daawid Ibsaa fi Abbaa Caalaa Lataa dabalatee namoota 17 gara Zoonii dhihaatti bobbaase.

Haala kanaan Taaddasaa Shorroo fi nama tokko ofitti dabaluun Abbaan Sagli obbo Daawud Ibsaafi I/Aanaa Abbaa Saglii Abbaan Caalaa Lataa namoota sana bakka lamatti qooduun gareen tokko kan obbo Daawud Ibsaa keessa jiru gara Gidaamiitti gareen tokko kan Abbaan Caalaa keessa jiru ammoo gara Begiitti Mudde 21, bara 1981 dirqama qabsoof bobba’aan.

Haa ta'u malee garee qabsoo hidhannoo dirree dhihaatti banuuf socha'e qormaanni biraa muudate.

Gareen H/Duree ABO obbo Daawud Ibsaan durfamu Gidaamii Ganda Giraayii Sonkaatti Mudde 23 bara 1981, ajaja itti gaafatamaa Kutaa Wallaggaa yeroo sanii Nugusee Faantaa tiin Zakkariyaas Shorroo fi Dirribaa Moggaa, Hiikaa Masaadii bulchaa Aanaa Gidaamii yeroo sanaa wajjin qindeessanii akka summiin nyaatatti naqamee karaa obboleessa Taaddasaa Shorroo Zakkaariyaas Shorroo hoogganoota ABO obbo Daawud Ibsaatiin durfamaniif kenname.

Haala kanaan hooggantoonni ABO nyaata summii qabu nyaatani namni saddeet bakka tokkotti yoo dhuman, obbo Daawud Ibsaa osoo lubbuun keessa jirtu waraana Dargiitiin qabamuun gara hospitaala Dambi Doolloo geeffamuun achi irraa gara makalaawitti dabarfamuun hidhaman.

Hoogganni ABO hafe wareegama Ebla 15, 1980 Shinniggaatti muddateefi Mudde 23 bara 1981 Dirree Dhihaatti mudate obsaa fi murannoon keessa darbuuun bara 1985 Ebli 15 Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo jedhamuun akka kabajamu murteesse.

Heera ABO aangoo 56 muraa 2 irrattis Ayyaannoota ABOn kabaju keessaa tokko ta’ee sirnaan ragga’e.

Kaayyoo bilisummaa Oromoo fi tokkummaa ummata Oromoo wareegama lubbuutiin daandii qabsiisanii gootota Oromoo darbaniif waggaa waggaan Ebla 15 yaadannoon taasifamuun Guyyaan Gootota Oromoo kabajamaa jira.

Bara kanas ummanni Oromoo haala hammataa keessatti Gootota Oromoo kaayyoo sabichaatiif aarsaa kafalan yaadataa jira.

Jirra jechumaafi!
05/04/2024

Jirra jechumaafi!

31/03/2024

• today is the best fhoto ❣️


31/03/2024

Gowwaa Gorsuurra Beekaa Arrabsuu Wayya Sababni isaa
Gowwaaf Gorssi Arrabsoo Beekaaf Immoo Arrabsoon Gorsa Waan Ta'eef
Gowwaadhaa Wajjiin Dhalachuu Mannaa Dhalachuu Yoo Baatan Irra Wayyinaa Kanaaf ja'ama👌

30/03/2024

Address

Hargeisa

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Asu &Mame Show posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Asu &Mame Show:

Share