Beeksisa Hojii

  • Home
  • Beeksisa Hojii
Directions Contact the business

Beeksisa Hojii Teacher Habtamu Mulatu

📢      !Leenjifamtoota haaraa Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree galmooftan hundaaf 👇🗓️ Leenjiin guyyaa 23/02/2019 (Wiix...
28/10/2026

📢 !
Leenjifamtoota haaraa Kolleejjii Poolii Teeknikaa Booree galmooftan hundaaf 👇
🗓️ Leenjiin guyyaa 23/02/2019 (Wiixata) jalqabama.
⏰ Sa'aatii 2:30 ganamaa
📍 Mooraa KPTB, Booree
✅ Leenjifamtoonni haaraan bara 2019 galmooftan hundi harcaatii tokko malee akka argamtan isin beeksifna.
⚠️ : Barattoonni kutaa 12 xumurtanii hanga ammaatti hin galmoofne, hanga guyyaa 23/02/2019tti kolleejjii dhuftanii 'aa. !
🛠️ Ogummaa kee horadhu, hojii kee uumi!
📞 0916524331 | 0915606843
📲 Telegram: t.me/Borepolytechnic
Ogummaan Hundaaf! 💪

📢 DHAAMSA BARSIISOTA ITOOPHIYAANuti barsiisonni, biyya biraa hin qabnu; biyyi keenya tokko qofa — ITOOPHIYAA! 🇪🇹Lammumma...
26/10/2026

📢 DHAAMSA BARSIISOTA ITOOPHIYAA

Nuti barsiisonni, biyya biraa hin qabnu; biyyi keenya tokko qofa — ITOOPHIYAA! 🇪🇹

Lammummaa biyya biraa hin qabnu. Biyyi keenya Itoophiyaa dha; jireenya keenya itti fufsiisuu fi dhaloota borii ijaaruu kan barbaannu biyya keenya keessatti.

Garuu har’a qaala’iinsi jireenyaa hammaatee, mindaa keenyaatiin jireenya keenya gaggeeffachuun nutti ulfaateera. Nyaata guyyaa guyyaa argachuun, maatii keenya kunuunsuun, fedhii bu’uuraa jireenyaa guuttachuun nu rakkisaa jira.

Nuti Gamoo ijaarra hin jenne!
Nuti konkolaataa bitna hin jenne!
Nuti qabeenya guddaa horanna hin jenne!

Waan nuti gaafanne tokko qofa: mindaa keenyaatiin nyaata nyaannee, jireenya keenya gaggeeffannee, maatii keenya kunuunsinee, kabajaan biyya keenya keessatti jiraachuu akka dandeenyudha gaaffiin keenya!

Nuti dhaloota barsiifna; dhalootaaf beekumsa kennina; abbootii, haadholii, ogeessota, hoggantootaa fi ijaartota biyya borii qopheessina.

Garuu gaaffiin keenya guddaan kana:

Barsiisaan dhaloota biyya tokkoo ijaaru, biyya isaa keessatti jireenya isaa gaggeeffachuu yoo dadhabe, egeree biyya sanaa akkamitti ijaaruu danda’a?

Nuti biyya keenya hin gannu. Biyya keenya keessatti hojjechuu, barsiisuu fi biyya keenya guddisuu barbaanna.

Garuu biyya keenya keessatti kabajaan jiraachuuf, nyaata guyyaa guyyaa argachuuf, maatii keenya kunuunsuuf mirga qabna.

🙏 Gaaffiin keenya qananii miti; gaaffiin keenya jireenya bu’uuraa ti.
Gaaffiin keenya qabeenya miti; gaaffiin keenya jireenya kabajamaa ti.
Gaaffiin keenya biyya biraa miti; biyya keenya Itoophiyaa keessatti jiraachuu dandeessisuudha!

✊ Barsiisaa kabajuun egeree biyya kabajuudha!
Barsiisaa deeggaruun dhaloota deeggaruudha!
Barsiisaa jireenya isaa gaggeeffachuu danda’u qabaachuun, biyya ijaaruuf bu’uura kaa’uudha!

🇪🇹 Biyyi keenya Itoophiyaa dha! Biyya keenya keessatti kabajaan jiraachuu barbaanna!




❓ GAAFFILEE BARBAACHISOO WAA’EE CPD1. Barsiisonni hojii guyyaa guutuu hojjetanii, CPD online yoom hordofu? Boqonnaa isaa...
26/10/2026

❓ GAAFFILEE BARBAACHISOO WAA’EE CPD

1. Barsiisonni hojii guyyaa guutuu hojjetanii, CPD online yoom hordofu? Boqonnaa isaanii hoo yoom argatu?

2. Barsiisonni intarneetii, humna ibsaa fi meeshaalee teeknooloojii hin qabne sagantaa CPD kana akkamitti hordofu?

3. Baasiin intarneetii fi meeshaalee CPD barbaachisan eenyuun kaffalama?

4. CPD’n ogummaa barsiisotaa guddisuuf yoo ta’e, ba’aa hojii fi rakkoo jireenyaa isaanii irratti dabaluun sirrii dhaa?

5. Yaadni barsiisotaa ni dhaggeeffatamaa? Rakkoolee isaan mudatan furuuf deeggarsi akkamii taasifamaa jira?

Barsiisaan dhaloota borii ijaaruuf of kenne, har’a rakkoo jireenyaa fi ba’aa hojii keessatti isa mudatutti yoo dhiphate, eenyutu rakkoo isaa dhaggeeffata?

Kanaaf, qaamoleen dhimmi ilaallatu CPD’n barsiisotaaf mijataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa akka ta’uuf maal gochuuf jiru?


📢 DHAAMSA WARREEN AANGOO UMMATAA QABANIIF!“Warri Waaqayyo aangoo isiniif kenne, barcuma ummataa irra teessanii ummata ta...
26/10/2026

📢 DHAAMSA WARREEN AANGOO UMMATAA QABANIIF!
“Warri Waaqayyo aangoo isiniif kenne, barcuma ummataa irra teessanii ummata tajaajilaa jirtan, adaraa iyya barsiisotaa dhaga'aa!”
Kabajamtoota hoggantoota mootummaa, warra aangoo fi itti gaafatamummaa ummata bulchuu isiniif kenname qabdan!
Aangoon isin qabdan kan ofii keessanii qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata tajaajiluuf isiniif kennameedha. Barcumni isin irra teessan immoo kan kabaja qofaaf osoo hin taane, rakkoo ummataa dhaggeeffachuun furmaata kennuuf.
Adaraa, iyya barsiisotaa dhaga'aa!
Barsiisaan hundee beekumsaa, ijaarsa dhalootaa fi guddina biyyaati. Barsiisaan dhaloota borii qopheessa; ogeeyyii, hoggantoota, ogeessota fayyaa fi namoota biyya ijaaran hundaaf bu'uura ta'a. Garuu barsiisaan dhalootaaf ifa ta'uuf carraaqqii godhu, yeroo rakkoo isaa dhaga'amu dhabee dhiphachuun isaa nama gaddisiisa.
Barsiisaan barattoota barsiisuuf dadhaba; garuu rakkoo jireenyaa isa mudatu eenyutu dhaggeeffata? Barsiisaan dhalootaaf abdii ta'a; garuu abdii barsiisaa eenyutu ijaara?
Barsiisaan nagaan yoo jiraate, barnoonni guddata; barnoonni yoo guddate, biyyi ni guddatti!
Kanaafuu, warri aangoo ummataaf amanamummaa qabdan, rakkoo barsiisotaa akka rakkoo dhuunfaa isaanii qofaatti hin ilaalinaa. Haala jireenyaa isaanii, mindaa isaanii, mirga isaanii, kabaja isaanii fi haala mijataa hojii isaanii irratti xiyyeeffannaa kennaa.
Barsiisota dhaggeeffachuun mootummaa jabeessuu dha. Rakkoo isaanii furuun egeree biyyaaf bu'uura kaa'uu dha. Kabaja isaanii eeguun dhaloota dhufuuf kabaja ijaaruu dha.
Adaraa, sagalee barsiisotaa callisiisuuf hin yaalinaa; sagalee isaanii dhaggeeffadhaatii rakkoo isaanii furaa!
Barsiisaan gargaarsa barbaadu diina mootummaa miti. Barsiisaan mirga isaa gaafatu immoo mootummaa diiguuf ka'e miti. Inni dhaloota barsiisuuf of kenne, haqa, kabaja fi haala hojii mijataa gaafachaa jira.

🙏 Barsiisaan haa kabajamu! Rakkoon barsiisotaa haa furamu! Barnoonni haa guddatu!

!

 (PGDT) •=•=•👉 Yuunivarsitiin Diillaa Sagantaa Leenjii Barnoota Barsiisotaa (Alternative Teacher Education Training Prog...
25/10/2026

(PGDT)


•=•=•
👉 Yuunivarsitiin Diillaa Sagantaa Leenjii Barnoota Barsiisotaa (Alternative Teacher Education Training Program)'tiin kaadhimamtoota Barsiisotaa simatee leenjisuu barbaada.



1. Digrii jalqabaatiin eebbifamu
2. Fedhii barsiisummaa qabaachuu,
3. Dirqama tajaajila waggaa sadii seenuu,
4. Ulaagaa seensaa guutuu

📝 -
1. Qaamaan argamuun, fi

2. Liinkii - https://srms.du.edu.et/atetp

📅 - Onkololeessa 14-27/2019'tti

✍️ Barnoota - gosa barnootaa 12 suuraa irratti argamu

✅

1. Sagantaa torbeetiin, yookiin
2. Sagantaa idileetiin kennama

- leenjitoota sagantaa idileetiif Baasiin nyaataa fi doormii kan yuunivarsitichaan uwwifama.


23/10/2026
 Dorgommiin Lixa Oromiyaa  1. Maths 2. History 3. Geography 4. Economics 5. Afaan Oromoo 6. PVA(Art)7.  English 8. Saayi...
23/10/2026


Dorgommiin Lixa Oromiyaa

1. Maths
2. History
3. Geography
4. Economics
5. Afaan Oromoo
6. PVA(Art)
7. English
8. Saayinsii Hawaasaa
9. Saayinsii Waliigalaa
10. Chemistry
11. Citizenship
12. CTE
13. Marketing
14. Web Design and Development
15. ICT
16. Amharic
17. Gadaa
18. Safuu
19. Computer Maintenance
20. Animal production
21. NRM
22. Journalism
23. Accounting and Finance
24. Vocational performance
25. Finishing
26. Baayoloojii
Bakka hojii Horroo Guduruu Wallaggaa

Guyyaa Galmee 10/02/ 2019 hanga 20/02/2019

Konkolaachisummaa warra barbaaddaniif
22/10/2026

Konkolaachisummaa warra barbaaddaniif

Address

Buraayyuu

Website

Alerts

Be the first to know and let us send you an email when Beeksisa Hojii posts news and promotions. Your email address will not be used for any other purpose, and you can unsubscribe at any time.

Contact The Business

Send a message to Beeksisa Hojii:

Shortcuts

  • Want your business to be the top-listed engineering company?

Share